header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Warroonni iimaanni isaanii xiqqoo Qananiitti ni gammaduu, yemmuu rakkoon isaan tuqxu abdii kutu

Warroonni iimaanni isaanii xiqqoo Qananiitti ni gammaduu, yemmuu rakkoon isaan tuqxu abdii kutu

وَإِذَا أَذَقْنَا النَّاسَ رَحْمَةً فَرِحُوا بِهَا ۖ وَإِنْ تُصِبْهُمْ سَيِّئَةٌ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ إِذَا هُمْ يَقْنَطُونَ
“Yommuu namoota rahmata dhandhamsiifne, isiitti gammadu. Sababa wanta harki isaanii hojjateen yoo hamtuun isaan tuqxe, yeroma san isaan abdii kutu.”  Suuratu Ar-Ruum 30:36

Gabroota isaa qoruu keessatti seera Rabbii keessaa tokko wanta isaan gammachiisuu fi isaan gaddisiisuun isaan qoruudha. Yeroo garii sababa badii hojjataniif, isaaniif adabbii akka ta’uuf wanta isaan rakkisu isaanitti buusa.

Yommuu Rabbiin qananii bu’aa rahmataa isaa irraa ta’e isaan dhandhamsiisee, of tuuluu ni gammadu. Kaafiroonni fi namoonni iimaanni isaanii dadhabaa ta’e yommuu Rabbiin qabeenya, fayyaa fi wanta isaan jaallatan biroo isaaniif kennu, garmalee gammaduun of tuulu. Rabbiif galata galchuu dhiisanii nafsee ofii keessatti of dinqisiifatu, “Beekumsa fi tooftaa kiyyaan kana argadhe.”Jedhu. Ammas, haqa irraa of tuulu. Rabbii olta’aaf gadi jechuu fi ajajamuu hin barbaadan. Namoota biroo irrattis of tuulu. Garuu yommuu sababa badii hojjataniin wanti jireenya isaanitti hammeessu isaan tuqe, yoosu abdii kutu. “Ammaan booda waan gaarii hin argadhu yookaan rakkoon narraa hin deemu”jechuun abdi muratu. Kuni haala namoota baay’eeti.


Faallaa kanaa, mu’mintoonni yeroo waan gaarii argatan Rabbiif galata galchu. Yommuu rakkoon isaan tuqxu immoo obsuun Rabbii olta’aa abdatu. Akkuma Ergamaan Rabbii ((SAW)) jedhan: “Dhimmi mu’minaa ajaa’iba. Dhugumatti, dhimmi isaa hundi kheeyrii (gaaridha). Kuni mu’minaaf malee eenyufillee hin ta’u. Yoo wanta gammachisaan isa tuqe, ni galateeffata. Kanaafu isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqe, ni obsa. Kanaafu, isaaf gaarii ta’a.”Sahiih Muslim 2999

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button