header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Xiyyaarri Meeshaa Tajaajila Fayyaa fe’ate tokko Somaaliyaa magaalaa Bardale keessatti kufuu gabaafame

Dhaabbanni Tajaajila Odeeyfannoo Somaaliyaa akka gabaasetti, Xiyyaarri dhaabbata African Express Airways tahe kun jalaqaba magaalaa Maqdishoo irraa gara Baaydawaa eega imalee booda, dhumarratti magaalaa Bardale keessa qubachuuf osoo yaalu kufuu beeksise.

Ministeerri Traanspoortii Somaaliyaa Muhammad Salad ibsa kenneen ammoo, Xiyyaarri meeshaa tajaajila fayyaa kanneen to’annoo dhibee vaayirasii koroonaatiif oolu fe’atee ture tokko kufuun, paayleetii dabalatee namoonni jahan xiyyaaricha keessa turan hundi du’uu beeksise. Ministeerichi Sababa kufaatii xiyyaarichaa kan hin ibsin tahus, gareen sababa balaa kanaa qoratu garasitti ergamuu hime.

Ministeerri Ittisa biyyattii duraanii Abdirrashiid Abdullaahii Muhammad gama isaatiin, Xiyyaarichi magaalaa Bardale eega gahee booda qubachuuf yaalaa osoo jiru rukutamee kufuu Roytersitti hime.

Dubbi himaan waraana Ityoophiyaa humna nageenyaa Gamtaa Afrikaa bakka bu’uun naannawa magaalota Baaydawaa fi Bardale keessa jiruu, “dhimma xiyyaara kufee kana quba hin qabnu”jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button