header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Naannoo Tigraay ‘gaafii hawaasa Muslimaa hin deebisu’ jedhe

Naannoo Tigraayi magaalaa Aksuumitti sababa ‘magaalaattiin magaalaa kabajamtuu Ortodoksiti’ jedhuun hawaasni Muslimaa dararamaa jira. Muslimoonni Aksuum iddoo awwaalchaa dhabuufi Masjida akka hin jaarannee dhoorkamuun mirgi amantaa isaanii sarbama jiraachuun beekkamaadha.

Sarbaminsi mirga amantii kun akka dhaabbatu, hawaasni Muslimaa naannichaa fi guutuu biyyattii yeroo gara gaaratti qaama mootummaa fi dhimmi ilaallatu hundatti iyyaannoo dhiyeessanis, humaa deebisaan argame tokkolleen hin jiru.

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad gara aangootti eega dhufee kaasee waltajjiiwwan biyya keessaa fi alaa irratti ‘sarbaminsa mirga amantaa Muslimoota Aksuum irratti raawwatamaa jiru’ ilaalchisee akka deebisaan kennamuf gaafatamaa ture, hata’uu malee deebisaan Keenname hin jiru.

Waltajjii marii waggaa dabre keessa Ameerikaa magaalaa Washington DC’ti lammilee Itoophiyaa waliin geggeeffame irratti Dr Abiy “dhimmicha irratti abbootiin amantaa gama lamaaniinuu jiran furmaata haa kaahan” kan jedhe yoo tahu, deebisaan Dr Abiy kenne hawaasa muslimaa kan hin quubsin tahuun ni yaadatama.

Hawaasni Muslimaa magaalaa Aksuum dhiibbaa hoggantoota mootummaa naannichaa fi gareewwan jibba Islamummaa leellisaniin iddoo itti awwaalaman fi Akkasuma bakka Masjida itti jaaratan dhoorkamuun aduufi rooba keessatti salaataa jiran.

Itti aanaan bulchaa naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon Gebre Mika’eel ibsa dhiheenya haala yeroo irratti Miidiyaaleef kenneen “mootummaan naannichaa gaafii mirgaa hawaasni Muslimaa dhiheesseef deebisaa kennuuf fedhii hin qabne tahuu ibse.

Dr Dabratsiyoon magaalaa Aksuum keessaa hawaasni Muslimaa Masjidaa fi iddoo awwaalchaa kan hin qabne tahuu amanuun Tahus, ‘gaafiin hawaasni Muslimaa kaasaa jiru fudhatama hin qabdu’ jechuun tuffii fi jibba Islaamummaaf qabu ifatti baase.

Dr Dabretsiyoon “wanti baroota 1000 dabran hin hojjatamin, amma waan gaafatameef bulchiinsi deebisaa tokkollee keennuu hin danda’u. Kun seenaa waan ta’eef gaaffii kun yeroo kanatti ka’uun sirrii miti”jechuun ijjannoo mootummaa naannichaa ibse.

Deebisaan Dr Dabretsiyoon kun hawaasa Muslimaa dallansiise jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button