header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Gafarsa Eeshiyaa

Tafakkur: Yak

Bineensi kun loon biyya keenyatti argamuun kan wal fakkaatu yoo ta’u, Maqaan isaa Yaak jedhama. Dabalataanis maqaa Gafarsa Eeshiyaa jedhamuun ni waamama. Akkuma harreediidaa fi harree manaa, bineensi kunis Yaak manaatiifi Yaak diidaa jedhamuun bakka lamatti qoodama. Lameenuu guddina qaamaatii fi wantoota hedduun garaagarummaa qabu. Inni diida galu lafa akkaan ol ka’aa ta’ee fi marga heddu qabu keessa kan jiraatu yoo ta’u, inni manaa ammoo akkuma nuti loon manatti horsiifnutti ummanni naannoo sanii manatti horsiifata. Inni diidaa ardii eeshiyaa gaarreen Tibeetiyaanii fi Himaaliyaa  jedhaman irra jiraata. Akkuma amma dura isinii dhiheessine, gaarri Himaaliyaa ol ka’iinsa guddaa qabaachuudhaan dachii tanarraa sadarkaa duraa irratti argama. Sababa ol ka’iinsaa kanaatiif qabbanti gaara kana irra jiru haalaan hamaadha. Amma bineensa kana waliin daawwachuuf farda yaadaatiin gama gaara diilallaawaa kanaa imalla.

Yaak
Yaak, Gafarsa Eeshiyaa

 

Yaak uumama akkaan guddaadha. Inni manatti horsiifamu isa diida galurra xiqqaa ta’us, uumama biraatiin yoo wal bira qabnu innis haalaan guddaadha. Inni diida galu Meetira 1.6 hanga meetira 2.2 lafaa ol dheerata. Mataa isaarraa kaasee haga eegee isaa ammoo meetira 2.5 hanga meetira 3.3 dheerata. eegeen isaa kophatti haga meetira tokkoo dheerachuu danda’a.

 

ulfaatinni Yaak kan daggalaa haga Kiilograama 1000 ta’a. inni manaa garuu kilograama 600 hin caalu. Dhaltuun sanyii lachuutuu dheerinnaa fi ulfaatinni isaanii kormaa waliin wayta wal bira qabamu akkaan xixiqqoodha. Dheerinnii fi ulfaatinni dhaltuu, kan kormaa dachaa sadihiin hanqata. Walumaa galatti dhaltuun Yaak Kilograama 300 caala hin ulfaattu.

 

Gaafni isaaniitis garaagarummaa qaba. Gaafni kormaa akkuma gaafa sangaa loonii bitaafi mirga mataa irraa ka’ee ol caafama. Gaafni dhaltuu yaak ammoo akka gaafa re’ee qajeelee gara samii ol dhaabata. Kanaafuu gaafa isaanii qofa laallee saala isaanii adda fooyuu ni dandeenya jechuudha. Gogaan uumama kanaa rifeensa heddu ofirraa qaba. Rifeensi isaa kun haalaan tuucha’aa dha. Akkasuma dheerinnas ni qaba. naannawa qabbanaawaa waan jiraatuuf rifeensa tuuchaafi yabbuutti haalaan haajama. Sanyiin gariin garaa isaa jalaa rifeensa haalaan dheeraa lafarra harkifamu qaba.

Yaak 4

 

Rifeensi gogaa isaarratti argamu bifa magaala, gurraacha ykn adii ta’uu danda’a. keessumattuu dheerinni rifeensa gogaa Yaak diidaa haalaan dheeraadha.  Rabbiin guddaan Rifeensa yabbuu tuuchaafii dheeraa kana isa uwwisee, qabbana digriiseentigreedii negatiiva 40 dandamatee akka jiraatu isa taasise. Bineensi kun bishaan haalaan diilallaawaa tahe keessas rakkoo tokko malee deemuu danda’a. haa tahuu malee qilleensa oowwaa keessa jiraatuu hin danda’u.

 

Yaak akkuma loonii marga dheedaa jiraata. Akkasuma biqiltoota naannoo isaatti argamus ni soorata. Yeroo qabbanti haalaan hammaattee cabbiin bu’u margi dhokachuu danda’a. Yeroo kanatti gaafa isaatiin cabbii qotee marga dheeda. Uumamni kun gamtaa uumee qubsuma bal’aa keessa jiraata. Qubsumni tokko miseensota haga 100 qabaachuu danda’a. Miseensa tokko keessa kan baay’atu warra dhaltuutii fi jabbileedha.

 

Bineensi kun Yeroo ammaa kana baay’inaan biyyoota akka chaaynaa, Indiyaa fi Tibeet keessatti argama. Jireenya isaatiif lafa haalaan ol ka’aa ta’e barbaada. Akkasumas lafa bosona hin qabne, kan marga qofaan uwwifame filata. Kunis wayta diinni itti dhufu fageenyarraa laalee adda baafatee jalaa dheessuudhaaf isa gargaara. Diinni isaa hamaan Yeeyyii, Biirii fi Qeerransa yoo ta’an, Qeerransa fi Biir ilmoolee xixiqqoo qofa barbaadanii adamsu. Yeeyyiin garuu gareen ta’anii waan adamsaniif warra gurguddaas hin dhiisan.

 

Wal qunnamtiin wal hormaataa wayta cabbiin hin jirretti raawwatama. Kunis ji’a adoolessaarraa kaasee hanga Fulbaanaati. Warri Kormaa wayta yeroon wal hormaataa dhihaatu kana wal aansoo jalqabu. Abbaan moohe, mirga wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu argata.  Eega waldhaansoo guddaa booda wal qunnamtiin raawwatamee baatii 9 booda ilmoo takka qofatu dhalata. Ilmoon dhalatte tun daqiiqa kudhan keessatti dhaabbattee, miseensota qubsumaa waliin ta’uun marga dheeduu jalqabdi. Haga waggaa tokkoo mucha haadhaa ni hooti. Kana booda guutee marga qofatti deebiti. Yaak haga waggaa 20 jiraatuu danda’a.

  • Yaak uumama ardii eeshiyaa keessatti argamu keessaa, baay’inaan Arbaa fi warseesatti aanee sadarkaa 3ffaa irratti argama.
  • Rifeensi dheeraan Yaak irratti argamu, biyyoota akka chaaynaa keessatti areeda arteefishaalaa tolchuudhaaf tajaajila.
  • Yaak gaarreen ol ka’iinsa meetira 6000 ol qaban irra jiraatuu danda’a. ol ka’iinsa haganaa irratti qilleensi haalaan xiqqaadha. Haa ta’u malee sombi isaa guddaa waan ta’eef qilleensa heddu kuusuudhaan rakkoo malee akka harganu isa gargaara. Yeroo takkaan oksijiinii heddu gara keessaa fudhatuun tursiisuu danda’a.
  • Lafa ol ka’iinsi isaa meetira 3000 gad ta’e irra ammoo jiraachuu hin danda’u. Sababni isaa ammoo rifeensi gogaa isaarra jiru haalaan tuucha’aa waan ta’eef hoo’aan miidhama. Walumaa galatti naannoo hoo’I digrii seentigreedii 15 gad ta’e keessa jiraachuun isaaf ulfaataadha. Dhukkuboota garagaraatiif saaxilamee du’uu danda’a.
  • Yaak looniin wal fakkaatus, akka loonii mar’atuu hin danda’u. sagaleen inni baasu gururi’uu qofa.
  • Bineensi kun eeshiyaa keessatti tajaajila geejjibaatiif oola. Namoonni naannawa sanii yoo barbaadan kooraa itti fe’anii yaabbatu, ykn akkuma gaarii fardaa gaarii itti hidhanii meeshaa itti fe’atu.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button