header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Tana Quba Qabduu?

Chaayinaa

Afrikaan biyyoota 57 qabdi. Itiyoophiyaa, keeniyaa, Ugaandaa, Taanzaaniyaa, Moritaaniyaa, Egypt  ykn Masrii fi biyyoota biroo”¦ Baay’ini ummata biyyoota 57n keeysatti argamuu, baay’ina ummata Chaayinaatii gad akka tahe quba qabduu?
Chaayinaan bara 2017tti, Ummata Biiliyoona 1.4 qabdi. Baay’inni ummata biyoota afrikaa shantamii afranii walirratti, Biiliyoona 1.2 taha. Kanaafuu ummanni chaayinaa ummata ardii afrikaa guutuu irra jiru miiliyoona dhibba 2 oliin caala jechuudha.

Chaayinaa

 Indiyaa

Gama lakkofsa ummataatiin Indiyaanis ardii afrikaa ni caalti. Indiyaan Baay’ina ummataatiin, chaayinatti aantee sadarkaa 2ffaa irratti argamti. Baay’inni ummata indiyaa bara 2017tti Biiliyoona 1.35 yoo tahu, baay’ina ummata ardii afrikaa guutuu miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona shantaamaan caala jechu.

Kaartaa Indiyaa

Masri


Ummanni Biyya Masrii ykn Egypt, dachii biyyattiin qabdu keeysaa dhibbentaa 5.5 qofa irra jiraata. Dachiin dhibeentaa 94.5 tahu gammoojjii qullaadha. Lammiileen Masrii kan dhibbentaa 99 tahan, qarqara laga Naayil irra qubatu. Sababa kanaaf lagni Naayil ummata Masriitiif lubbuudha jedhama. Laga Naayil malee ummanni biyyattii jiraachuu hin dandahu.

Laga Naayil

Riqicha Daan yang Kunshan Grand Bridge

Riqichi dheeraan isin ijaan argitan hagam dheerata? Riqichi dheeraan dachii tanaa chaayinaa keeysatti argama. Riqichi kun Daan yang Kunshan Grand Bridge je’amuudhaan beekama.

Dheerinni isaa Kiiloomeetira 165 hogguu tahu, kana jechuun Finfinneerraa hanga naannawa matahaaraatti dhihaata jechu. Takkaahuu Finfinneerraa hanga magaalaa Baatuu ykn Zuwaay dheerata. Ijaarsa riqicha kanaa namoota 10,000 oltu irratti hirmaate. Bara 2008 eegalamee, waggaa 4 booda bara 2011 hojii eegale.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button