header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xiyyaaronni waraana Suuriyaa fi Raashiyaa namoota 37 boombii ibiddaatiin gubuun ajjeessan

Xiyyaaronni waraana Suuriyaa fi Raashiyaa Jum’aa har’aa naannawa Guutaa Bahaa magaalaa Arbin jedhamtu keessatti boombii  boba’u kan “napalm” jedhamuun haleellaa raawwataniin, yoo xiqqaate namoota nagahaa 37 kan galaafatan tahuu gareen “white Helmets” jedhamu beeksise.

 

Gareen “White Helmets” ibsa baaseen akka jedhetti Xiyyaronni waraanaa boombii boba’u kan akka addunyaatti dhoorkameen buufata namoonni nagahaa keessa qubatan  haleeluun ibidda ka’een, namoonni hedduun isaanii ijoollee fi dubartoota tahan gubatanii du’an.

 

Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti manni maree nageenya Feb 24/2018 Guutuu Suuriyaa keessatti murtii dhukaasa dhaabuu sagalee guutuun kan dabarsee ture yoo tahu, Mootummaan Suuriyaa fi michuun isaa Raashiyaa murtii san cabsuudhaan haleellaa waraana lafoo fi qilleensaan naannawa Guutaa Bahaa keessatti jalqaban cimsanii itti fufaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button