header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Filannoo Kaatalooniyattii gaggeeffameen paartiileen walabummaa leellisan injifatan

Filannoo Kaatalooniyatti gaggeeffameen paartiin Ispeen irraa fottoquu leellisu hinjifate. Barcumaa parlaamaa naannichaa 135 keessaa paartileen walabummaa leellisan barcuma 70 kan hinjifatan yoo tahu, prezdaantiin naannichaa ji’a lama dura Maadriidiin tayitaa irraa ari’ame, Ispeen amma booda fedhii ummata Kaatalaan ifatti baruu qabdi jedhe.
Kaarles Pigdmoont injifannoo kana ilaalchisee biyyaa itti baqate Beeljiyeem-Braasels irraa yaada kenneen “Ispeen murtii ummaata kaatalaan kanaan dura diigde fudhachuun alatti filannoo biraa hin qabdu, mootummaa Kaatalooniyaa diigdes deebistee ijaaru qabdi” jechuun Twitter isaa irratti barreesse.
Rifarandamii Bulchiinsi kaatalooniyaa Ispeen irraa fottoquuf October 1/2017 gaggeesse hordofuun, muummichi ministeera Ispeen Mariyaanoo Raahoy rifarandamiin sun seeraan ala jechuun  kuffisee ture. Bulchiinsi naannichaa ammoo sagaleen ummata kaatalaan kabajamuu qaba jechuun wixinee Ispeen irraa fottoquu qopheesse. Kanuma hordofuun Mootummaan jiddugalaa Ispeen bulchiinsa Kaatalaan diiguun naannichaa kallattiin mootummaa jiddu galaa jalatti bulchuu jalqabe.

Rakkina naannichatti uumame kana furuuf filannoo amma adeemsise kanaanis paartiileen walabummaa leellisan injifachuun Maadriiditti naasuu guddaa kan uume tahuu Rooyters gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button