header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaEeshiyaaOdeeyfannooUSA

Ameerikaan dipiloomaatota Raashiyaa 60 biyya isiitii ari’uuf murteessite

UK magaalaa Salisbury keessatti Suummaayuu basaastuu lammii Raashiyaatiin walqabatee, Briteen gocha kana mootummaan Raashiyaattu qindeesse jechuun himatte. Kanuma hordofuun Briteen dipiloomaatota Raashiyaa 30 biyya isii keessaa kan ariite yoo tahu, biyyoonni warra dhihaatis Briteen deeggaruun dipiloomaatota Raashiyaa biyya isaanii keessaa baasaa jiru. Haaluma kanaan prezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp Dipiloomaatonni Raashiyaa 60 Ameerikaa akka bahan Wixata har’aa ajaja dabarse.

Dipiloomaatota Ameerikaa keessaa akka bayan murtaaye keessaa 48 Imbaasii Ruusiyaa keessa kan hojjatan yoo tahu, 12 ammoo magaalaa NiiwuYoorkitti UN keessa hojjatu.

Haaluma walfakkaatuun biyyoonno Awuroppaa heddu dipiloomaatota Raashiyaa biyya isaanii keessaa baasuuf sochii jalqabaniiru. Hanga ammaatti Faransaayii dippiloomaatota Raashiyaa afur, akkunuma Jarman dippiloomaatonni afur biyya isaanii irraa akka bayan ajajan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button