OdeeyfannooUSA
Qondaaltonni Tika Ameerikaa Poostaawwan Boombiin guutamanii Baaraak Obaamaa fi Hilaarii Kilintaniif ergaman qabuu beeksisan

Qondaaltoonni tajaajila basaasaa Ameerikaa ibsa baasaniin, Boombbiin tokko teessoo mana Hilaarii Kilintan Niwu Yoorkitti argamuun kan ergame akka tahee fi kan lammataa ammoo teessoo mana Prezdaantii duraanii Baaraak Obaamaa Washingtonitti argamuutti ergamee akka ture beeksisan. Boombiin lamaanuu qondaaltota osoo hin dhaqqabin hojjattoonni tikaa too’annaa jala kan oolchan tahuu himan.
Haaluma walfakkaatuun Isniina dheengaddaa Poostaan Boombiin guutame dureessa George Soros jedhamuuf kan ergame yoo tahu, boombiiwwan kaleessa qabaman waliin gosa tokko tahuu qondaaltonni tikaa beeksisan.