header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Tuniiziyaa Beji Sa’id Essebsi amrii tahe

Manguddoon waggaa 92 Prezdaant Beji Sa’id Essebis June dabre irraa jalqabee dhukkubsatuun yaalamaa kan ture yoo tahu, ganama har’aa amrii tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Warraaqsa Badheessa Arabaa (Arab Spring) jedhamu,  kan bara 2011 Tuniiziyaa keessatti dhoohe hordofuun,  Prezdaantiin Tuniziyaa duraanii Zeynal Aabiddiin Bin Alii taayitaa irraa eega ari’amee booda, Beji Sa’id Essebsi muummicha ministeeraa yeroo cehumsaa tahuun,  biyyattiin akka biyyoota Arabaa biroo jeequmsa keessa osoo hin galin gara filannootti nama ceesise tahuun beekama.

 

Haaluma kanaan filannoo biyyattii bara 2014 geggeeffame irratti Paartii Nidaa Tunis jedhamu bakka bu’uun dorgomee, Prezdaantii biyyattii yeroo jalqabatiif ummataan filatame tahuun Tuniiziyaa hogganaa ture.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button