header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muudama Muummicha Ministeeraa haraawaa ilaalchisee Bakka Bu’oonni Hawaasa Muslimaa Ibsa baasan.

Bakka Bu’oonni Hawaasa Muslimaa, Muummicha ministeeraa haarawa muudameef milkaa’ina hawwuun, rakkoo bal’aa biyyattiin keessa galte furuudhaaf akka biyyaatti jijjiiramni bu’uuraa kan barbaachisu tahuu waamicha godhan.

Ibsa kana irratti qabsoon ummanni geggeessaa jiru muummichi ministeeraa duraani akka aangoo gad lakkisuu fi muummichi minnisteeraa haarawni akka filamuuf kan dirqisiise tahuu; waggaa 27 booda adeemsi muudama aangoo dhaaba biyyaatti bulchaa jiruu( ADWUI) adeemsa dheeraa fi raakko cimaa keessa akka darbu kan godhe tahu; akkasumas adeemsi muudamaa kun kan qalbii ummataa harkise tahuu fi bu’aan argames kan fudhatama argate tahuu; bu’aan argame kunis kan wareegama lubbuu ummanni kafalee akkasumas namoonni kumatamaa itti hidhamaniin argame tahuus ibsameera.

Akkasuma Muummichi Minnisteera Duraanii Gaaffii mirgaa hawaasni muslimaa karaa nagayaatiin kaase Waajjira isaatti eega Simatee booda, furmaata keennu irratti humna siyaasaa fi taayitaa guutuu kan hin qabne akka ture fi muummichi ministeera haarawni rakkoowwaan turaaniif aangoo isaatti fayyadamuun jijjiirama akka fiduu qabu dhaaman.
Bakka bu’oonni hawaasa muslimaa ibsa isaanii kanaan, Gaaffiileen mirgaa ummanni muslimaa waggoota jahan dabran dhiheessaa ture wareegamni guddaa tahe itti kafalamus, hanga har’aatti deebii hin arganne jedhan. Mootummaan haalli gaafii hawaasa muslimaa itti keessummeessaa ture sirrii akka hin turin bubbulus amma waan hubate fakkaata jedha ibsichi.

Kanaafuu hooggansi muummicha ministeera haraayaa kun gaaffiin hawaasa muslimaa hanga har’aatti deebii kan dhabeef fedhii garee fi namoota dhuunfaatiin akka tahe hubachuun, maqaa hawaasa muslimaatiin beekkamtii fi fedhii ummata muslimaatiin malee garee dhaabbata muslimaa dhuunfateen alatti, gaaffii ummata muslimaa qaamota hiikuu danda’aniif carraa akka kennu gaaffanna jedha ibsichi.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button