header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Ministeerri Barnootaa yeroo qormaatni biyyoolessaa Kutaa 12ffaa itti kennamu beeksise

 

Ministeerri Barnootaa qormaata biyyoolessaa bara 2014 Yunivarsitiilee filataman keessatti kennuudhaaf qophaahaa akka jiru ibsee ture. Ministeerichi guyyaa kaleessaa ammoo sagantaa qormaata kutaa 12ffaa marsaa lamaan kennamu ifa godhee jira.

Haaluma kanaan marsaa duraatiin qormaatni barattoota Saayinsii Hawaasaa kan kennamu yoo tahu, Fulbaana 26 hanga 28 /2015tti  barattoonni Yuuniversitiiwwan itti ramadaman seenanii, Fulbaana 29/2015tti ammoo orenteeshiniin kan kennamu ta’uu ibsame. Qormaatichi barattoota Saayinsii Hawaasaa kun Fulbaana 30 hanga Onkololeessa 2 / 2015tti akka kennamuu fi yeroo Fulbaana 3 hanga 4 / 2015ttii immoo barattoonni gara qe’ee isaaniitti kan deebi’an tahuu sagantaan bahe ni mullisa.

Marsaa lammataatiin immoo qormaatni Barattoota Saayinsii Uumamaa kan kennamu yoo tahu, Onkololeessa 5 haga 6 /2015tti barattoonni gara Yuunivarsitiiwwan itti ramadaman seenanii, Onkololeessa 7 /2015tti  orenteeshiniin kan kennamu tahuu ibsame. Qormaatichi barattoota Saayinsii Umamaa kun Onkololeessa 8 hanga 11/ 2015tti akka kennamuu fi yeroo Onkololeessa 12  hanga 13/ 2015ttii immoo barattoonni gara qe’ee isaaniitti kan deebi’an tahuu ragaan Ministeera barmootaa irraa argame ni addeessa.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button