header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waltajjii mataduree” Nageenya” jedhuun geggeeffame irratti Labsiin Yeeroo Muddamaa akka kaafamu gaafatame.

Waltajjii guyyaa kaleessaa magaalaa Finfinnee hoteela Sharaatanitti mataduree “Nageenya” jedhuun geggeeffame irratti hoggantooni mootummaa, Abbootiin amantaa, abbootiin gadaa, dargaggoonni fi qaamonni adda addaa kan hirmaatan yoo tahu, hirmaattoonni nageenyi biyya kanaa irra caalaa mootummaan kan boora’aa jiru tahuu ibsaan.

Abbaan Gadaa Bayyanaa Sanbatoo ” mootummaan yeeroo rakkoon isa muudatu waa’ee nageenyaa irraa haasawa, garuu maddi rakkoo maal akka tahe, eenyu akka tahe of hin qoratu” jedhe.

Akkasumas dargaggoonni waltajjii kana irratti hirmatanis nageenyi biyyattii kan boora’uu danda’e rakkoo hoggantooni mootummaa uumaniin, mootummaan ummata waliin gad bu’uun rakkoo ummataa hin qooranne jechuun qeeqan.

Abbootiin Gadaa waltajjii kana Irratti argaman qabxiiwwan hedduu irratti ibsa kan keennan yoo tahu, qabxiiwwan kana jidduu
1ffaa. Jalqaba labsii yeroo muddamaa labsame akka kaafamu
2. Hidhamtoonni siyaasaa haalduree tokkoon alatti akka lakkifaman.
3. Miseensonni waraana naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessaatti lubbuu lammiilee nagaayaa galaafataan seeratti akka dhiyaatan
4. Mootummaan dhaabbilee Siyaasaa biyya keessa jiraniif biyya alaa jiraniifis waltajjii marii qopheessuu fi
5.Akkasummas Abbootii Gadaa fi abbootii amantaa waliin akka hojjatu qabu gaafatanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button