header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sirni awwaalcha Kabiir Huseen Waaqoo magaalaa Adaamaatti raawwatame

Abbaan Qabeenyaa Kolleejjii Fayyaa Hospitaal Waliigalaa Adaamaa Kabiir Huseen Waaqoo dhukkubsatee Wal’aanamaa eega turee booda, guyyaa kaleessaa addunyaa tana irraa godaane. Sirni awwaalcha Kabiir Huseen guyyaa har’aa magaalaa Adaamaa keessatti raawwatame. Sirna awwaalchaa kana irratti Dr. Jeylaan Haaj Khadiir, Haaj Yuusuf Ciroo, Sheikh Hajjii Ibraahiim, Obbo Jawaar Muhammad, Obbo Lammaa Magarsaa, Obbo Juneeydii Saaddoo, Abbaa Duulaa Gammadaa fi Prezdaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee namoonni heddu argamaniiru.

Kabiir Huseen Waaqoo hujii daldalaa xinnoo irraa ka’uun nama qabeenya guddaa horate yoo tahu, qabeenya isaatiin hojii tajaajila Fayyaa Ityoophiyaa fooyyeessuu keessatti gahee guddaa nama taphate tahuu ibsi dhaabbata Ethiopian Health Aid baase ni mul’asa.

Kabiir Huseen dabalataanis Jaarsa biyyaa hayyummaan beekamuu fi nama hojii tola ooltummaa keessatti adda dureen hirmaataa ture. Hujiiwwan isaa keessaa muraasni Ulamaa’iin islaamaa Hospitaala isaa keessatti Tajaajila wal’aansa tolaa akka argatan godhaa ture. Kana malees, Abbootii qabeenyaa kanneen biroo wajji tahuun, masjiida Khulafaa’urraashidiin kan magaalaa Adaamaatti argamu ijaarsisuu dabalatee, hojiiwwan misoomaa ummataa heddu irratti nama hirmaataa ture tahuun beekama.
Rabbiin Rahmata haa godhuuf, maatii fi firoottan isaatiifis jajjabina hawwina.

8 Comments

  1. subahaan allah Rabbiin haa araramuuf maatii fi firoton isaaf jajjabina haa kennu Rabbiin

  2. Inaa lillaa wo inaa ilhe raajunni rabbii nama jannata isaan haa tasisuu RABBIIN isaanif haa Araramu
    Amiiiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiiiin Amiiiiiiiiiiiiiiiiiin

  3. إن لله وانا اليه راجعون الله يرحمها ويغفر لها ويسكنها فسيح جناته يارب.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button