header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Suuriyaa haleellaa Keemikaala Summiitiin magaalaa Duumaa keessatti raawwateen yoo xiqqaate lubbuu namoota 70 ol galaafate

Waraanni mootummaa Suuriyaa haleellaa Keemikaala Summiitiin Sabtii kaleessaa naannawa Guutaa Bahaa magaalaa Duumaa keessatti raawwateen yoo xiqqaate lubbuu namoota 70 ol galaafatuun, namoonni dhibba heddutti lakkaahaman ammoo summaawaniiru.

Gareen lubbuu namoota miidhaman baraaruun beekkamu kan “White Helmets” jedhamu akka ibsitte, irra hedduun namoota haleellaa kanaan miidhamanii daa’immanii fi dubartoota tahuu beeksise. Itti gaafatamaan garee kanaa Ra’id Al-Saalah namoonni haleellaa keemikaalaatiin summaawan heddu du’aa fi jireenya jiddutti kan argaman waan taheef, lakkoofsi namoota du’anii ni dabala sodaan jedhu kan jiru tahuu Aljaziiraaf hime.

Al saalah akka jedhetti gareen isaa namoota miidhaman garagaaraa kan jiru tahus, Ambulaansonni jaarmayichaa hedduun akkasumas wiirtuuleen waldhaansaa haleellaa waraana mootummaatiin tajaajilaan ala waan tahaniif, namoota miidhaman lafoo gara naannawa birootti geessuuf kan dirqaman tahuu beeksise.

Mootummaan Bashaar al-Asaad kanaan duras yeroo heddu naannawa finciltoonni too’atan keemikaala summiitiin haleeluun, lubbuu namoota kumaatamaa galaafatuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button