header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Gamtaan Ulamaa’ii Godina Harargee Bahaa Sheikh Ahmad Watar Dura bu’aa gochuun Muude

Odeeyfannoo Nuuralhudaa October 23, 2022

Manni Marii Dhimmoota IsIaamummaa Godina Harargee Bahaa wal gahii hatattamaa guyyaa har’aa October 23/ 2022 Yaameen, Nama Sheekha Sheekkotaa Muftii Sheikh Aadam Tuulaa Bakka bu’uun hawaasa tajaajilu muuduuf marii bal’aa gaggeessaa oole. Haaluma kanaan Sheikh Ahmad Watar dura bu’aa gamtichaa gochuun Muudee jira.

 

Sheikh Ahmad Watar barataa Sheikh Aadam tuulaa turan. Isaanis akkuma Sheikh Aadam Tuulaa waggoota dheeraaf hawaasa isaanii tajaajilaa kan turan hogguu tahu, Gamtaan Ulamaa’ii Godinichaa Namni Sheikh Ahmad Watar caalaa itti gaafatamummaa Kanaan malu hin jiru jechuun amaanaa guddaa kana isaanitti kennee jira. Dabalataan Sheikh Muusaa Abdii (Sheikh Muusaa Su’aalaa) itti Aanaa tahuun Filamanii jiru.

 

Yaa’iin Ariifachiisaan Yaamame kunis Aakiramuu Sheikh Aadam Tuulaa Sababeeffachuun, Marii fi Muudama irratti kan fuulleffate ture. Dura bu’ummaa fi Itti Aantummaadhaan Ulamaa’ileen filamanis Yeroo dheeraadhaaf Hawaasa isaanii beekumsaan tajaajilaa kan turanii fi ammas tajaajilaa kan jiraniidha.

 

Nutis Akka miidiyaa Nuuralhudaatti gammachuu Muudama haaraya kanaaf qabnu ibsachaa, Rabbiin Amaanaa isinitti kenname kana warra bakkaan gahu isin haa godhu, waan hunda isiniif haa laaffisu jenna.

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button