header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ajjeechaan waraanni Makkalaakayaa ummata irratti raawwatu itti fufee jira

Halkan edaa Harargee bahaa aanaa Dadar magaalaa Qobbootti loltoonni waraana Makkalaakayaa mucayyoo Ayyaantuu Muhammad Shaanqoo jedhamtu gudeeduuf yemmuu yaalanitti mormuu isiitiin rasaasaan mataa irra rukutuun ajjeesan Caaltuun abbaa warraa akka qabduu fi ulfa akka taate himuun loltoota amansiisuuf yaaltus, didanii dirqiidhaan gudeeduuf yeroo isaan yaalan waan iyyatteef rasaasaan rukutuun kan ajjeesaan tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa.

Namoota isii irratti yakka ajjeechaa sukkanneessaa kana raawwatan 3 jidduu inni tokko qabamee mana hidhaa aanaa Dadar kan jiru tahuus beekameera.

Ummanni magaalaa Dadaaris gocha raawwatame kana balaleefataa kan turan yoo tahu, poolisoonni Oromiyaa ummanni akka karaa banu boombii aaraa ummata irratti darbuu fi mucaan tokkoos rasaasaan dhahamee gara hospitalaa kan geeffame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Muummichi ministeera haarawni eega muudaamee guyyaan 8 kan lakkaawame yoo tahu, yeroo kana keessatti namoonni 5 Komaand poostiin ajjeefamuu fi iddoo adda addaatti namoota hidhuun kan itti fufe tahuu beekameera.

Ayyaantuu Muhammad Shaanqoo 3

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button