header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Biyyootni Gamtaa Galoo Galaana Arabiyaa Riyaad keessatti walgahii jalqaban

Hoggantoonni biyyoota Gamtaa Galoo Galaana Arabiyaa (GCC) wal gahii isaanii kan waggaa Alhada har’aa magaalaa Riyaad keessatti kan geggeessaa jiran yoo tahu,  mariin gamtichaa bara kanaa oomisha boba’aa hir’isuu, lola Yaman, wal dhabbii Qaxarii fi biyyoota Arabaa afur jidduu jiru irratti kan xiyyeefatu tahuu gabaafame.

 

Malik Salmaan torbee dabre keessa Amirri Qaxar Sheik Tamiim Bin Hammaad Al-Saanii wal gahicha irratti akka argamuuf kan affeere tahus, mootummaan Qaxar Ministeera haajaa alaa qofa gara Riyaad kan erge tahuun beekamee jira. Amiirri Qaxar walgaahii gamtichaa bara dabre Kuweeyt keessatti geggeefame irratti kan hirmaatee ture yoo tahu, Sa’uudii, Emreets fi Bahreeyn garuu ministeerota sadarkaa gadiitiin hirmaachuun isaanii ni yaadatama.

 

Ministeerri haajaa alaa Bahreeyn Sheikh Khaalid Bin Ahmad Al Khaliifaa, “Sheikh Tamiim haal duree salphaa Qaxar irra kaahame fudhatee wal gahicha irratti hirmaachuu qaba ture”jechuun qeeqe. Mootummaan Qaxar gama isaatiin wal gahicha irratti qondaaltota sadarkaa akkamiitiin akka hirmaatu murtiin kan isaa qofa tahuu ibsuun, bara dabre hoggantoonni biyyoota sadeenii wal gahii Kuweeyt irratti kan hin hirmaatin tahuu ibse.

 

Bara 2017 keessa Sa’uudii, Emreets, Bahreeyn fi Masri “gareewwan shororkeessitootaa deeggarti” jechuun Qaxar irra uggura kaahuun isaanii ni yaadatama.

GCC1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button