header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaa Cufiinsa Majlisa Sheekh Usmaan Durrii geggeeffame

Godina Harargee Bahaa Dirree Xiyyaaraatti kan argamu majlisa Sheekh Usmaan Durriitti seensa baatii Ramadaanaa sababeefatuun guyya hardhaa sagantaa cufiinsaa guddaa kan qophaa’e yoo tahu, sirna cufiinsa kanaa irratti Ulamaa’onni biyya keenyaa gurguddoon akkasuma hawaasni muslimaa lakkoofsan heddu tahe kan argame tahuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.

Ulamaa’ota sagantaa kana irratti qooda fudhatan jidduu Sheekh Muusaa Su’aalaa, Sheekh Khadiir Muusaa Sa’udii Riyaad irraa akkasumas keessummoonni birootis qooda irraa fudhatanii jiru. Ustaaz Ahmaddiin Jabalis bilbilaan sagantaa kana irratti dhaamsa kan dabarse yoo tahu, qophii kana irratti qaamaan argamuuf kan karoorfatee ture tahus dhimma dhuunfaa humnaa oliitiin kan hin argamin tahuu ibse.

Akkasumas manguddootaa fi namoota naannawa sanii kan Tafsiira Qur’aana fi kitaaba adda addaa qara’aa turaniif waraqaan ragaa kennamuu fi Ulamaa’ota fi keessumoota argamaniif badhaasni kan kenname tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button