header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Sa’uudii maatii lammiilee Niiwuziilaand haleellaa shorokeessitootaatiin ajjeefamanii jidduu nama 200 carraa Hajjii kennuu beeksise

Mootummaan Sa’uudii maatii lammiilee Niiwuziilaand kanneen March dabre haleellaa shorokeessitootaatiin lubbuu dhaban jidduu nama 200,  baasii barbaachisu hunda danda’uun carraa Hajjii kan qopheesse tahuu ejensiin odeeyfannoo biyyattii beeksise.

 

Haaluma kanaan Malik Salman Bin Abdulaziiz maatiin namoota miidhamanii kunniin Hajjii bara kanaa akka godhan, haalli hundi akka mijaayuuf jechuun ajaja kan dabarse tahuun beekamee jira.

March 15, 2019, namtichi ol’aantummaa ummata adii leellisu Niwuziiland magaalaa magaalaa Christchurch jedhamtu keessatti, muslimoota salaata Jum’aa salaataa turan irratti haleellaa raawwateen namoonni 51 ajjeefamuun 49 ammoo madaahuun ni yaadatama.

 

 

One Comment

  1. As wr wb akkami jirtan
    Qoppin keysan akka malee
    Namatti tolaa
    Itti jabadhaa rabbin isin wajjin
    Haa jiratuu
    Oduu dhugaa qofa
    Dabarsu
    Keysanif heddun gammada
    Akka namaa tokkotti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button