header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Hombomboleettiin Bahamas rukute saffisaan gara Ameerikaa kan dhiyaataa jiru tahuu ibsame

Hobomboleettiin cimaan Haarikeen Dooriyaan jedhamee moggaafame biyyoota Kaaribiyaan kan rukute yoo tahu,  keessumattuu Bahamas keessatti lubbuu namoota saddomaa ol kan galaafate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.  Muummichi ministeeraa Bahaamas Hubert Minis balaan  hobomboleettiin cimaan kanaan biyyattii keessatti muudate bal’aa tahuu ibsuunn hawaasni addunyaa akka birmatuuf gaafate,

Haaluma kanaan Prezdaant Doonaald Traamp waardiyyaalee humna galaanaa Ameerikaa tattaaffii baraarsaa akka deggeraniif gara Bahamas kan  erge yoo tahu, humni galaanaa Briteen, waldaan fannoo diimaa fi dhaabbanni mootummootaa gamtoomaniitis  midhaan nyaataa, dawaa fi gargaarsa barbaachisu kanneen biroo hatattamaan gamasitti ergaa jiran.

 

Akka Wiirtuun qorannoo Haarikeen Ameerikaa beeksisetti ammoo, Haarikeen Dooryaan yeroo ammaa kana Ameerikaa bulchiinsa Joorjiiyaa irraa fageenya kiiloomeetira 100 irratti kan argamu tahuu beeksise. Hombomboleettiin kun naannawa Kaaribiyaan keessatti saa’aa tokkotti kilomeetra 290 kan imalaa ture tahus, saffisni kun gara kilomeetra 185tti kan hir’ate tahuullee ibsame.

 

Haata’u malee Dooriyaan kallattii isaa gara Kibba Bahaatti jijjiiruun saffisa dabaluu akka danda’uu fi balaa lolaa dabalatee lubbuu namaa irratti miidhaa dhaqqabsiisuu mala sababa jedhuun lammiilee Kibba Ameerikaatiif akeekkachiisni kennamee jira. Haaluma kanaan, jiraattonni Ameerikaa kutaa Filooridaa gara Varjiiniyaatti kan baqataa jiran tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button