Lammileen Oromoo Naannoo Soomalee irraa buqqifamanii Kaampii Hammarreessaa qubsiifaman rakkoo hamaa keessa jiraatuu dubbatan

Lammileen Oromoo miiliyoona tokkoo ol tahan daangaa naannoo Soomalee irraa buqqifamanii kaampiilee heddu keessatti qubsiifamuun isaanii ni beekkama. Lammiilee kana deebisanii ijaaruuf Ummanni biyya keessaa fi biyya alaa jiraatu karaa adda addaatiin deeggarsa kan godhaa jiru tahus, buqqaatonni garuu ammas rakkoo cimaa keessa jiraatu dubbatan.
Kaampii Hammarreessaa kan godina Harargee bahaa keessatti buqqaattoota qubsiifaman jidduu hammi tokko dhaabbataan akka jireenya haaraya jalqabaniif manneen iddoo adda addaatti ijaaramanitti kan galan tahuun ni beekkama. Haata’u malee ammas buqqaatonni 2900 ol tahan kan Kaampii hammaressaa keessatti hafanii jiran tahuu baqataan naannoo magaalaa Jigjigaa irraa buqqifamee Kaampii kana keessatti argamu nuuf hime.
Akka Baqataan kun nuuf himetti; “Mootummaan kanaan dura gar manneen ijaaramanitti isin qubachiisna jechuun kan nu ramadee ture yoo tahu, amma immoo buqqaatota kaampitti argaman hin qubachiisnu, kan aanaa irra jiran qofa qubachiisna jechuun ramaddii keenna haqe. Guyyaa kaleessaa irraa qaama dhimmi ilaalutti iyyannus nama nu dhagahu argachuu hin dandeenye, bakka jirru kanatti nyaata gahaa fi deeggarsas hin argannu kanaaf amma baane halkan kanaahuu ala bulutti jirra”jedhe.