Mormii Godinaalee Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiruun walqabatee namoonni 50 ol ajjeefamuu gabaafame

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun magaalota Oromiyaa heddu keessatti mormiin ka’e har’as kan itti fufe yoo tahu, tarkaanfii humnaa waraanni mootummaa fudhataa jiruun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 50 du’uu dubbi himaa mootummaa naannoo Oromiyaa eeruun Rooyters gabaase. Haata’u malee lakkoofsi namoota ajjeefamanii kanaa ol tahuu gabaasaaleen tokko tokko ni mul’isu.

Magaalota guyyaa har’aa mormiin keessatti geggeeffamaa jiru jidduu Amboo fi Roobe adda duree yoo ta’an, keessumattuu ummanni magaalaa Amboo “reefki Artist Haacaaluu Finfinnee keessatti awwaalamuu qaba; Obbo Jawaar Muhammad dabalatee namoonni hidhaman akka lakkifaman” dhaadannoo jedhu kan dhageesisaa turan tahuus odeeyfannoon ni addeessa. Mormii magaalaa Amboo kanarrattis humnoonni mootummaa dhukaasa bananiin namoonni heddu rukutamuu gabaasni BBC irraa argame ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun magaalaa Baalee Roobee keessattis tarkaanfii humnaa waraanni mootummaa fudhateen, namoonni heddu rasaasaan rukutamuu gabaasaaleen ni mul’isu.

Gama biraatiin ammoo Obbo Jawaar Muhammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee, namoonni 30 ol guyyaa kaleessaa hidhaman gara Maa’ikalaawii kan geeffaman tahuu gabaafame.

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa fi hidhamuu hoggantoota siyaasaa Oromoo hordofuun Kibxata kaleessaa irraa jalqabee biyyoota addunyaa heddu keessattis mormiin geggeeffamaa jira.

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
12 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
eerehusain@gmail.com
2 years ago

Mnb and I try Duduk end e I

Jemal
2 years ago

gaafiin oromoon gaafate deebiin rasaasa maaliif taatii??????????

Jemal
2 years ago

Jawaariin akkamiin oolan kaleessa??

marenaa
2 years ago

Hawnii

Ssmirs Qadiro
2 years ago

Yaa rabbi oromo siii malee wamaa qaduu najaa basii nuu bilesosii

Sulxaan Abdallh
2 years ago

AS wr wb Akkamjirtan YaarabbiiHaqa Oromoo fimuslibiyyikenyaa ifabaasiiNuAgarsiisii OtuNuti Adduniyaarrajirruu

Sumayya Amani
2 years ago

rabbiin nuf haaa bitmaatuu inshallah 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

Sumayya Amani
2 years ago

yaa carraaa umataa oromoo maali nuf woyyaa 😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭gubanneeeee kessii kenaa ilmaa oromoo dhignii lafat dhumatee yaa rabbii nuraa kassii

hhbybh528@gmail.com
2 years ago

567899

sadiqali3609@gmail.com
2 years ago

36095914

m.h yaa rabbii caraan keenyaa kunii malii yaa rabbii nuf birmaadhuu mee
2 years ago

yaa rabbii caraan keenyaa kunii malii
yaa rabbii nuf birmaadhuu mee ati

maddina bint Islaam
2 years ago

namonni hidhaamani sodomaa qofaami kaa komishinaari policy dubbatee yuu namaa sodommi shaani.

rabbiin nuuf haa birmaatuu wani jenuu hin qabinuu garaani nuu guubate yaa dhigaa lammii koo yoomuma jigguu dhisaa garuu⁉️😭😭😭

12
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x