header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Qondaaltonni OPDO ragaa ittisaa Hooggantootaa Paartii Kongrasii Federaalistii Oromoo ta’uun mana murtiitti dhiyaachuuf qophii tahuu beeksisan

Qondaaltonni  naannoo Oromiyaa ragaa ittisaa hooggantoota Paartii KFO ta’uun mana murtiitti dhiyaachuuf kan qophaa’an tahuun beekame. Abukaatoon himatamtootaa Obbo Abduljabbaar Huseen dhaddacha guyyaa har’aa ooleef akka himetti, “qondaaltonni  OPDO ragaa ittisaatiif waamaman guyyaa kaleessatii fi har’aa haala hujii irraa kan ka’een mana murtiitti dhiyaachuu akka hin danda’inii fi guyyaa boruu garuu dhihaachuudhaaf kan qophaayan tahuu naaf mirkaneessanii jiru” jedhe.
Qondaaltonni guyyaa boruu mana Murtiitti ni dhiyaatu jedhaman,Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, Obbo Lammaa Magarsaa, Obbo Abbiyyi Ahmad, Aadde Caaltuu Saanii tahuun beekamera.
Haaluma walfakkaatuun Waajjirri Muummicha ministeeraa guyyaa kaleessaa xalayaa mana murtiitiif barreesseen, Obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny sababa dalagaan itti baay’ateef mana murtiitti dhiyaachuu akan hin danda’in tahuu eega beeksissen booda, Obbo Baqqalaa Garbaa “Hayila Maariyaam kan yaamame akka nama dhuunfaatti waan taheef waajjirri xalayaa barreessuu mirga hinqabu; kanaafuu Hayilamaariyam Dassaleny poolisiin qabamee nuuf haadhiyaatu” jechuun gaafate. Manni murtichaatis Obbo Hayilamaariyaam guyyaa boruutti kan hindhiyaanne yoo tahe ilaallee murtii kennina jechuu isaa gabaasni arganne ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button