header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Suudaan Umar Hasan Al-Bashiir gara Damashiq imaluun Bashaar Al-Asaad waliin mari’ate

Ejensiin odeeyfannoo mootummaa Suuriyaa akka gabaasetti, Bashaar Al-Asaad buufata Xiyyaara Damashiqitti argamuun Prezdaant Al-Bashiir eega simatee booda, gara masaraa biyyoolessaatti imaluun kan mari’atan tahuun beekamee jira. Prezdaant Umar Al-Bashiir eega bara 2011 lolli Suuriyaa jalqabamee asitti,  Damashiq daaw’achuun hoggantoota biyyoota miseensa gamtaa Arabaa keessaa kan jalqabaati.

 

Prezdaant Al-Bashiir xiyyaara Raashiyaatiin gara Damashiq kan seene yoo tahu, xiyyeefannoon marii hoggantoota lamaanii maal akka tahe wanti beekame hin jiru. Lola Suuriyaa waggaa saddeet lakkoofsiseen lammiileen biyyattii kuma dhibbaan lakkaahaman ajjeefamuun, miiliyoonni heddu ammoo qe’ee isaanii irraa buqqifamanii kan baqatan tahuun ni beekama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button