header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hooggantoonni Adda Dimokraatawaa Oromoo muummicha ministeeraa waliin mari’atan

Hooggantoonni Adda dimokraatawaa Oromoo(ADO) Arba’aa kaleessaa biyya alaa irraa gara Finfinnee galan guyyaa har’aa, masaraa biyyoolesaa keessatti muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad waliin mari’atan.

Muummichi ministeera Dr. Abiy Ahmad fi Jilli hoggantoota ADO kara nagaayaatiin qabsoo siyaasaa biyya keessatti gaggeessuu irratti kan waliigalan tahuu ibsi ministeera haajaa alaa irraa bahe ni addeessa.

Dura taa’aan ADO obbo Leencoo Lataa guyyaa kaleessaa miidiyaalee biyyattiitiif yaada kenneen “haalli biyya keessaa qabsoo nagayaa gaggeessuuf mijaawaa ta’uu isaatin gara biyyaa  deebine”jedhe. Itti aanaan Dhaabbaticha Dr Diimaa Nagawoo gama isaatiin akka jedhetti,”paartiin ikeenya kophaa yookaan ammoo paartilee biroo waliin qindoomee hojjachuuf haala jiru qabatamaan eega qorannee booda ni murteessina”jedhe.

Jilli ADO kun prezdantii Bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obboo Lammaa Magarsaa waliinis kan mari’ate tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button