header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan eebba manzuuma Raayyaa Abbaamaccaa “Lammiin Lammiif” jedhu gaggeeffame

Qophiin eebba CD Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa har’a ganama Finfinnee Buraayyuu galma Shaaqaa Moolitti bifa oowwaa taheen gaggeeffamee jira.Ustaaz Raayyaan galii CD kanaa guututtii gargaarsa lammiilee naannoo Soomalee irraa buqqifamaniif akka ooluuf gumaache.

Sagantaa kanarratti ulamaafii hayyootni cicciimoon Kannen akka Dr Kamaal Galchuu, Dr Mararaa Guddinaa fi Tamaam Abbaa bulguu akkasumas miseensonni koree fala barbaadduu hawaasa muslimaa argamaniiru.

Gama biraatiin ammoo Ustaaz Raayyaa Abbamaccaatiif Mana Jireenyaa bituudhaaf yaadamee maallaqni sassaabamee jira. Inni lammiisaatiif yaadee CD kana guumache nuti ammoo Obboleessa keenya bira dhaabbanna jechuun Ustaaz Ahmaddiin Jabal qarshii 100,000,akka koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaatti 300,000, Ustaaz Badruu Huseen 50,000 Ustaaz Haydar Kadhiir, Ustaaz Kaamiil Shamsuu fi Ustaaz Sufyaa walitti 500,000, Sheik Sulxaan Haaji Amaan 150,000 kennuuf waadaa galaniiru. Ustaaz Yaasin Nuuruu ammoo CD da’awaa lama kan Ramadaana keessa bahu, guutumatti gargarsa lammiilee naannoo Soomalee irraa baqqa’anii fi ijaarsa mana Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaatiif kan gumaachu tahuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button