header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Gareen AfD jedhamu kan jibbaa Muslimootaa leellisu, hojjattoonni Muslimaa ji’a Ramadaanaa keessa hujii isaanii irraa akka ugguraman gaafate.

Miseensoonni parlaamaa biyya Jarmaan kan paartii AfD irraa tahan mootummaan hojjattoota muslimaa akka Doktoroota fayyaa, Narsii, Payleetota, konkolaachiistoota Baabuuraa fi Baasiiwwaanii ji’a Ramadaanaa keessa kan Somanan yoo tahe hojii isaanii irraa akka ugguraman jechuun gaafate.

Sabaabni gaaffii kana kasuu barbaadaniif parlaamaa biyyattiitiif yoo ibsaan:

“ogeessi fayyaa sa’aa 12f osoo hin dhuginii fi hin nyaatiin akkamitti nama wal’aanu danda’a; Akkanumas konkolaachisaan tokko somanaan oolee akkamitti qajeelatti ummataaf tajajila? kanaaf hojjatoonni Muslimaa hujiiwwaan akkanaa irratti bobba’aanii argaman yoo kan soomanan tahe hojii irraa ugguramuu qabu” jedhan.

Gaafii gareen kun kaase ilaalchisee deebisaan mootummaa Jarman irra keennamef kan hin jirre tahuu Rooytersi gabaase. Paartiin AfD jedhamu jibbiinsa baqattootaa fi Muslimootaa leellisuun beekkama.

Odeeyfannoo walfakkaatuun, Ministeerri  hawaasummaa Deenmaark “Muslimoonni ji’a Ramadaanaa Sooman iddoo hujiitti rakkoo uumuu malu”jechuun isii dallaansuu cimaa kaasee jira. Hooggantuun gamtaa Muslimoota Finland Mrs. Piyaa Jardi, yaadni ministeerittiin Deenmaark kaafte kun “dubbii dhugaa hin ta’in”jechuun ibsite. Mrs. Piyaad itti dabaluudhaan “Odeeyfannoo fi Istaatiksiin hujjattoonni muslimootaa  Ji’a Ramadaanaa keessaa balaa dhaqabsiisuu isaanii mul’isu tokkollee hin jiru”jechuun himte.Ministeera Simannaa Deenmaark

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button