header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Poolisiin Israa’el Muummchi ministeeraa Benjaamiin Neetaaniyaahuu yakka malaamaltummaa raawwachuu beeksise

Poolisiin Israa’el ibsa guyyaa har’aa baaseen,  Benjaamiin Neetaaniyaahuu fi haati warraa isaa matta’aa fudhaatanii dhaabbata Telekomnikeeshiinii Bezeq jedhamu karaa seeraan alaatiin deeggaruu isaanii qorannoo geggeesseen mirkaneessuu beeksise. Poolisiin biyyattii akka jedhutti, yakki muummichi ministeeraa raawwate kun malaamaltummaa cimaa waan taheef, abbaan alangaa biyyattii himannaa akka irratti banu gaafate.

 

Kanaan duras poolisiin biyyattii qorannoo  yeroo lama muummicha ministeeraa irratti geggeesseen, yakkoota malaamaltummaa kanneen biroo lama raawwachuu isaa ibsuun abbaan alangaa akka himannaa irratti banu gafatee ture. Benjaamiin Neetaaniyaahuu gama isaatiin himannaan poolisii kun dhara jechuun haale.

 

Israa’el ji’a darbe keessa yaaliin weeraraa Gaazaa keessatti raawwatte  hidhattoota Falasxiiniin eega fashalaayee booda,  ministeerri Ittisa biyyattii taayitaa kan gad lakkise yoo tahu, kanuma hordofuun bulchiinsi Beenjaamiin Neetaaniyaahuu gaaga’ama hamaa keessa kan seene tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button