header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Indiyaa lammummaa ilalchisee wixinee seeraa falmisiisaa tahe raggaasise

Wixineen seeraa Paarlaamaan Indiyaa sagalee dhiphaan raggaasise kun, baqattoota biyyoota ollaa sadi irraa gara Indiyaa seenaniif lammummaa kennuu kan hayyamu yoo tahu, heerri kun baqattoota amantii Islaamaa hordofan kan hin hammanne tahuun isaa mormii cimaa kaasee jira. Seerri sagalee deeggarsaa 125 qofaan har’a ragga’e, baqattoota amantii Budihaa, Kiristaanaa, Hinduu, Siik fi kanneen biroo Bangilaadiish , Afgaanistaan fi Paakistaan irraa gara Indiyaatti baqataniif lammummaan akka kennamu kan hayyamu tahuu ibsame.

Miseensota Paarlaamaa biyyattii 105 dabalatee, hayyoonni seeraa, dhaabbileen mirga namoomaa fi Paanaaliin dhimmoota amantaa Federaala Ameerikaa, seerri Paartiin Hinduu paarlaamaaf dhiheessee raggaasise kun kallattiidhaan muslimoota addatti kan dhiibu jechuun balaaleffatan. Haaluma kanaan miseensonni paartii mormitoota seera kana mana murtiitti kan falman tahuu beeksisan. Paanaaliin dhimmoota amantaa Federaala Ameerikaa, Ministeera dhimmoota Federaalaa Indiyaa wixinee kana adda durummaan qopheesse irra qoqqobbii kan kaahuu malu tahuu ibse.

Muummichi ministeera Indiyaa Ranediraa Moodii gama isaatiin, seerri kun baqattoota Indiyaa keessatti rakkachaa turaniif labsii gammachiisaa tahuu ibsuun, miseensota paarlaamaa wixinee kana deeggaruun sagalee kennan galateeffate.

Hoggantuun Paartii mormitootaa Sonia Gandhi ammoo “seerichi warra wal qixxummaa Indiyaan irratti hundoofte diiguu barbaadu, kanneen jibbiinsa sanyii fi amantaa biroo qaban qofaaf injifannoo tahuu mala”jechuun qeeqxe.

Labsiin mootummaa Indiyaa kun lammiilee Rohingiyaa dabalatee baqattoota amantaa muslimaa hordofan biyyattii keessaa baasuuf kan haala mijeessuu tahuu xiinxaltoonni siyaasaa ibsaa jiran. Wixineen seeraa kun ragga’uun eega beekamee booda, naannolee biyyattii heddu keessatti mormiin kan geggeeffamaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button