header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi Magaalaa Sabbataa Masjiida Seeraan galmaaye diiguuf akeekkachiisa baase

Bulchiinsi magaalaa Sabbataa Masjiida Hamzaa kan naannawa Furii jedhamu ganda 04 keessatti argamu guyyaa 7 booda diiguuf akeekkachiise. Bulchiinsi magaalattii akka jedhutti Masjiidni kun Seeraan ala kan ijaarame waan taheef qabeenyi irra jiru hatattamaan akka kaafamu akeekkachiisa baase.

Haata’u malee Masjiidni Hamzaa Seeraan Majliisa Federaalaa biratti kan galmaaye tahuun beekameera. Haaluma kanaan Manni Marii waliigalaa dhimmoota Islaamaa Xalayaa guyyaa 18/09/2018 bulchiinsa Magaalaa Sabbataatiif barreesseen, lafti karee meetra 1000 Masjiidni Hamzaa irratti ijaarame ummata muslimaatiif seeraan kan kenname tahuu ibsuun, bulchiinsi magaalatti Masjiida kana akka hin diigneef gaafatee ture. Masjiidni Hamzaa bara 2007 irraa jalqabee Majliisa naannoo Oromiyaa jalatti bulaa jira.

Haaluma walfakkaatuun torbaan lama dura Magaalaa Burraayyuu naannawa Ashawaa Meedaa jedhamu keessatti Masjiidni tokko humnoota mootummaatiin diigamuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button