header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Sirni Awwaalcha lammiilee Falasxiin waraana Isra’eeliin ajjeefamanii raawwatame


Mormii guyyaa kaleessaa guutuu Falasxiin keessatti gaggeffamee irratti,loltoonni Isra’eel lammiilee Falasxiin harka qullaa mormii isaanii geggeessaa turan irratti dhukaasuun namoota afur ajjeesan. Namoota kanneen keessa lama magaalaa Gaazaa irraa yoo tahan, lama ammoo Weest Baank irraa wareegaman.
Sirni awwaalcha namoota Gaazaa keessatti wareegamanii lamaan guyyaa hardhaa kan gaggeefame yoo thau, namoota sirni awwaalcha isaanii geggeeffame keessa tokko Aktiivistii beekkamaa Ibrahim Abu Suraayaati. Ibraahiim bara 2008 keessa haleellaa Isra’eel magaalaa Gaazaa irratti raawwatteen miila isaa lamaan dhabe. Sana boodas Ibraahiim weerara Isra’eel mormuu cimsee kan itti fufe yoo tahu, guyyaa kaleessatis labsii Traamp mormaa yeroo turetti,rasaasa Isnaayiparii Isra’eliitiin mataa keessa rukutamee kan wareegame tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Ibraahim Abusuraayaa guyyaa kaleessaa osoo hin wareegaminiin dura viidiyoo warabame tokko irratti “Traamp dachii teenna irratti murteessuuf mirga hinqabu; nuti Falasxiinonni ummata goota; weerartoota yahuudota dachii teenna irraa hamma buqqifnutti ni falmanna” jedhe. Ibraahim Abusuraayaa dargaggoo waggaa 29 akka ta’e gabaasni arganne ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button