header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni makkalaakaaya Magaalaa Mooyyalee keessatti namoota 9 ol ajjeesse.

Waraanni Makkalaakayaa Godina Booranaa Magaalaa Mooyyaalee kresstti dhukaasa banuun, yoo xiqqaate namoota 9 ajjeessuun heddu ammoo madeesse. Ganama har’aa magaalaa Mooyyalee naannawa Shawaa Barri jedhamu kessatti dhukaasni hamaan akka ture namni naannawa irraa bilbilaan dubbifne nuuf ibse.

Sababaa Waraanni Makkalaakayaa guyyaa har’aa ummata fixeef;  jiraataan magaalaa Mooyyalee akka armaan gadii kanatti nuuf hime.

“Waraanni Makkalakayaa nama tokko qabanii ati eenyu jedhanii gaafatan. Innis waraqaa eenyummaa isaa agarsiisee “ani naggaadee Looniiti”jedhee himeef.  Waraanni Makkalaakayaa dubbii isaa irraa qeebaluu didanii namtiicha qabanii deemuuf yoo ka’an; ummanni yaa’ee  “namtichi seera qabeessaa lakkisaa”jedhee gaafate. Loltoonni mootummaatis  ummata iddoo sanitti  waliitti qabame irratti dhuukaasa bananii nama fixan”jedhee nuuf hime.

Hanga ammati magaalattii keessa tasgabbiin hin jiru.

Namoota guyyaa har’aa March 10, 2018 magaalaa Moyyaalee keessatti waraana Makkalaakayaatiin ajjeefaman keessa muraasni:

1- Tamaam Negessoo, Dura Bu’aa Mana Barnoota Sadarkaa 2ffaa Maddo Migoo

  1. Ermiyaas Badhaanee
  2. Kanuu Garoo
  3. Gooloo
  4. Muhammad Urgee
  5. Kanuu Qancaroo
  6. Muhammed Qamphee
  7. Taari Shamaa.. akka tahan beekameera.

Mooyyalee March 10 2018

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button