Prezdaantiin Ameerikaa fi Hogganaan Kooriyaa Kaabaa wal arganii mariyatan

Pirezadaantiin Ameerikaa Doonald Traampii fi hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun Singaapooritti wal arganii dhimmoota adda addaa irratti mariyaatuun Waliigaltee mallatteessan, biyyoota lamaan jidduutti falmii guddaa kan kaasaa ture dhimma Niiwkulara Kooriyaa Kaabaa yoo tahu, Kooriyaan kaabaa amma booda Niiwkulara oomishuu dhabuu irratti walii galaanii jiru.
Walii galtee biyyoonni lamaan har’a mallatteessan kana; Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee biyyoonni ollaa Kooriyaa kaabaatti argaman kan akka Chaayinaa, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa walii galteen kun kan nageenya naannichatti buusu jechuun Dinqisiifatanii jiru.
Walii galteen biyyoota lameen jiddutti mallatteeffame kun, hanga ammaatti Miidiyaa Kooriyaa kaabaatiin hin labsamne.