header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Dhaddachi Hoggantoota KFO osoo hin geggeeffamiin oole.

Dura ta’aa KFO Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee namoonni galmee Gurmeessa Ayyaannoo jalaatti himatamuun dhimmi isaanii mana Murtii olaanaa Federaalaa dhaddacha 4ffaatti ilaalamaa jiru, himannaa isaan irratti dhiyaateef Mummicha ministeera Obbo Hayleemariyaam Dasaleenyii fi Prezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa dabalatee qondaaltonni birootis ragaa ittisaaf akka dhiyaatan mana murtii kan gaaffatanii turan tahuu ni yaadatama.

Manni murtii immoo dhaddacha kanaan duraatini gaaffii himatamtootaa qeebalun wiixata kaleessatiif bellamee ture. Haata’u malee dhaddacha guyyaa kaleessaa irratti Abbootiin seeraa duraan galmee kana ilaalaa turan kaafamuun kan birootiin kan bakka buufaman yoo tahu, Abbootiin seeraa harayni ajaja Abbootiin seeraa kanaan dura turan qondaaltonni mootummaa  ragaa ittisaa tahuun akka dhiyaatan jechuuun ajajan, maaliif akka barbachisee fi  xalayaan waamichaa kan isaaniif hin ergamin tahuu ibsuun guyyaa hardhaatti galmee Obbo Baqqalaa Garbaa ilaaluuf beellamanii turan.

Himatamtoonni beellama isaanii irratti hundaa’uun ganama hardha mana murtiitti kan dhihaatan yoo ta’u, abbootiin seeraa ganama galmee biroo lama waan ilaalluuf keessan laaqana booda ilaalla jechuun ballamuun beekameera.

Abbootiin seeraa laaqana boodaas galmee biroo ilaalu waan jalqabaaniif dhaddachi kan jeeqame yoo tahu, Abbootiin seeraa galmee tokkollee osoo hin ilaalin lakkisaanii kan bahan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button