header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad ” Mootummaan Gaaffii hawaasni muslimaa kaaseef ummata waliin mari’atee deebisaa keennuf qophiidha”jedhe

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad ayyaana Iid Alfixrii bara 1439tiif dhaamsa baga ittiin isin gahee kaleessa galgala dabarseen, “kutaa biyyattii adda addaa keessatti humnoonni jijjiiramahin barbaanne  jeequmsa kaasuuf tattaafii godhaa akka jiranii fi humnoonni kun hin milkoofneef malee hawaasni muslimaa sababa amantaan akka mootummaa waliin walitti bu’u fedhii kan qaban tahuu ni beekna”jedhe. Dr Abiy ibsa isaa kana irratti “Mootummaan immoo gaafii hawaasni muslimaa qabuuf ummata waliin mari’aate rakkoo jiru hiikuudhaaf qophii tahuu hubatuun, hawaasni muslimaa humnoota kanaaf carraa keennu hin qabu”jedhe.

Dabalatanis jeequmsa dhiheenya kana naannoo kibbaa iddoo adda addaatti muldhataa jiru ilaalchisee torbee dhufu keessa gara naannoo Kibbaa imaluun ummata waliin kan mari’atu tahuus ibse.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button