header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Naannoo Benshaangul Gumuuz Lammiilee Oromoo Magaalaa Toggoo keessa jiraatan irratti dhukaasa baneen namoonni lama ajjeefaman

Sabtii dheengaddaa lammiileen Oromoo Naannoo Benshaangul Gumuuz aanaa addaa Toggoo magaalaa Toggoo keessa jiraatan, deeggarsa muummicha ministeeraatiif qaban ibsachuuf hiriira nagahaa yeroo bahanitti, Liyyuu Poolisii naannichaa ummata irratti dhukaasuun kan bittinneesse tahuu gabaasni naannicha irraa nu dhaqqabe ni ibsa.

 

Dhalattoonni Oromoo Naannicha keessa jiraatan gocha guyyaa dheengaddaa isaan irratti raawwatame  mormuuf Alhada kaleessaa hiriira kan bahan yoo tahu, Kaleessas liyyuu poolisiin naannichaa ummata  hiriirra mormii bahe  irratti dhukaasa baneen, namoonni lama akka ajjeefamanii fi namootni 10 ol ammoo miidhaa Cimaa irra gaheen gara godina Wallagaa Lixaatti geefamuun hospitaala magaalaa Beegii keessatti  waldhaanamaa kan jiran tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

 

Akka Jiraataan magaalaa Toggoo bilbilaan dubbisne nuuf himetti, Sababni ajjeechaa kanaa “Dr Abiy Ahmad deeggartanii maaliif hiriira bataan, kan jedhu akka tahee fi ammas dhalattoota Oromoo naannicha keessa jiraannu, gochi seeraan alaa nurratti raawwatamaa jira”jechuun nuuf hime.

 

Namoota yeroo ammaa miidhamanii Hospitaala Beegiitti waldhaanamaa jiran jidduu muraasni:

  1. Kamaal Musxafaa Kumsaa
  2. Yaaquub Ahmad
  3. Obbo Xaahaa
  4. Harmee Ziinaddiin namoonni jedhaman keessatti argamu.

 

Benshaangul1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button