header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Lakkoofsi Baqattoota bara kana Ameerikaa seenanii  xiqqaachuun gabaafame

Lakkoofsi baqattoota bara kana Ameerikaan guutuu addunyaa irraa qubsiifte hanga ammaatti 16,000 yoo tahu, hanaga dhuma bara kanaatti ammoo dabalataan namoota  4000 gad tahan qofa qubsiisuuf kan hojjataa jirtu tahuu CNN gabaase.

 

Ameerikaan bara bulchiinsa Prezdaant Obaamaa waggaa xumuraa qofa baqattoota 110,000 kan qubsiiste yoo tahu, Bulchiinsi Traamp lakkoofsa kana 60% oliin hir’isuun waggatti yoo guddate baqattoota 45,000 qubsiifna jedhee ture. Haata’u malee adeemsi hanga ammaa jiru biyyattiin eega bara 1980 seera baqattoota qubsiisuu baaftee asitti, lakkoofsi baqattoota bara kana gara Ameerikaa seenan isa xiqqaa tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Lammiileen biyyoota Muslimaa torba irraa gara Ameerikaa akka hin seenneuggura  bulchiinsi Traamp kaahe,  manni murtii waliigala Ameerikaa torbee dabre keessa raggaasise. Dabalataanis January dabre baqattoota biyyoota 11 irraa qubsiisuun duratti,  qorannoon addaa akka geggeefamuu bulchiinsi Traamp ajajuun ni yaadatama.

 

Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti ejensiin baqattootaa ibsa baaseen, bara 2017 guutuu addunyaa keessatti namoonni miiliyoona 22.5 biyya isaanii irraa kan baqatan tahuu beeksise. Turkiyaan yeroo ammaa baqattota miiliyoona 3 keessumeessuun tokkooffaa yoo taatu, biyyoonni itti aanaan walduraa duubaan Paakistaan, Lubnaan, Iiraan fi Ugaandaa tahuu gabaasni kun ni addeessa.

 

Ameerikaan bara 1975 irraa hanaga har’aatti baqattoota miiliyoona 3 kan qubsiifte tahuu, UNHCR  beeksise.

No Muslim Ban.jpg

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button