header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamanii 40,000 dabre

Wiirtuun To’annoo Dhibee Afrikaa, Africa CDC jedhamu gabaasa har’a May 2, 2020 baaseen, biyyoonni miseensa Gamtaa Afrikaa namoonni Vaayirasichaan qabaman biyya isaanii keessatti argamuu gabaasan 53 akka tahaniifi, walumaa galatti hanga har’aatti Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasii koroonaatiin qabamuun mirkanaahe 41,537 tahuu beeksise. Lakkofsi namoota sababa Vaayirasichaa du’an ammoo 1,696 kan gahe yoo tahu, namoonni 13,926 dhibee kanarraa bayyanatuu gabaafame.

Tamsa’ini vaayirasichaa walduraa duubaan Kaaba Afrikaa fi Lixa Afrikaa keessatti kan hammaate yoo tahu, haaluma kanaan Masri, Morokoo fi Aljeeriyaa dabalatee biyyoota Kaaba Afrikaa keessatti namoonni 15,687, Lixa Afrikaa keessatti namoonni 10, 916, Kibba Afrikaa keessatti namoonni 6,380, Baha Afrikaa keessatti namoonni 4,060, akkasumas naannawa Jiddu Galeessa Afrikaa keessatti ammoo namoonni 3,703 vaayirasichaan qabamuu gabaasni Africa CDC ni mul’isa.

Odeeyfannoo wal qabateen, Taanzaaniyaa keessatti miseensonni Paarlaamaa sadi sababa vaayirasii koroonaatiin eega du’anii booda, paartileen mormitootaa paarlaamaan biyyattii yeroodhaaf akka cufamu gaafataa jiran. Taanzaaniyaan biyyoota muraasa weerara Vayirasichaa to’achuuf sochii ummataa irra uggura hin kaahin keessaa tokko yoo taatu, inumaayyuu Prezdaantiin biyyattii John Magufuli lammiileen manneen amantaa fi iddoo daldalaa irraa akka hin hafne jajjabeessaa ture. Dabalataanis April 22/2020 irraa jalqabee ministeerri Fayyaa gabaasa namoota vaayirasichaan qabamanii ummataaf ifa akka hin goone dhoorkamee kan ture tahus, Mootummaan Taanzaaniyaa Arba’aa dabre ibsa baaseen biyyattii keessatti namoota 480 vayirasichaan qabaman jidduu 16 du’uu beeksise.

Haata’u malee tamsa’ini vayirasichaa biyyattii keessatti hammaataa eega dhufee booda, mootummaan Yuunivarsitiilee dabalatee manneen barnootaa kan cufe tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

 

4 Comments

  1. rabbiin waaliin galanii keessaan hudduu guddadha akkanumati ergaa keessaan ummataa biran gahu ittii fufaa.

  2. gaffii :horiin tokko halayya gubatti funyoo furdaa taheen hidhamee yoo halayyaa kanati kufe mili tokko funyoo sanaan irraa citee ykn kutamee milli irra citee sun halaala moo haramaa?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button