header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Manni murtii Kutaa Kuubeek labsiin Niqaaba ugguru yeroodhaaf hojii irra akka hin oolle Ajaje.


Labsii niqaaba ugguru kan Bulchiinsi kutaa Kuubeek amma dura baase, manni murtii Ol’aanaa naannichaa, Bulchiinsi Kutaa Kuubeek labsiin kun mirga dubartoota muslimaa osoo hin cabsin akkamitti akka raawwatamu, yookaan immoo gonkumaa kan haqamu tahuu hanga ibsutti, hujii irra akka hin olle kan murteesse tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Labsiin ji’a Onkololeessaa keessa bahe kun “namni kamiyyuu tajaajila mootummaa kennuufis ta’ee argachuuf fuulli isaa mul’achuu qaba” kan jedhu yoo tahu, gareewwan mirga namoomaa, labsiin kun kallattiidhaan Dubartoota Muslimaa irratti kan xiyyeeffate, akkasumas heera Kanaadaa kan ‘mootummaan amaantaa hunda walqixa ilaala’ jedhu kan cabse jechuun morman.
Kanuma hordofuun ji’a dabre keessa manni marii Muslimoota Kanaadaa, dhaabbata Canadian Civil Liberties Associations jedhamu waliin tahuudhaan falmii seeraa banuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button