header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Finfinneetti namoonni qajeelfama labsii yeroo muddamaa cabsan 2800 hidhaman

Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee namoota qajeelfama labsii yeroo muddamaa mootummaan tatamsaa’a dhibee Koroonaa-vaayras ittiin to’achuuf baase cabsan 2800 to’annaa jala oolchuu beeksise.

Komishinichi, namoonni to’annaa jala oolfaman kunniin qajeelfamoota labsichaa jidduu kan ta’e, Iddoo namoonni hedduun argamanitti haguuggii afaanii fi funyaanii osoo hin godhatin kan argaman, Akkasumas walirraa fageenya hawaasummaa kan hin eeggatinii fi namoota osoo harka wal fuudhanii argaman tahuu hime.

Haaluma kanaan namoonni 1941 kan haguuggii afaanii fi funyaanii hin godhatin fi namoonni 860 kan walirraa fageenya hawaasummaa hin eeggatin fi akkasumas namoonni 12 immoo kan osoo harka wal fuudhanii argaman yoo tahu, walumaagalatti namoonni 2800 kan hidhaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Namoonni kunneen hedduun isaanii naannawa akka Qirqoos, Addis Ketemaa, Araadaa, Gullallee fi Yakkaa irraa tahuus ibse.

Mootummaan Itoophiyaa qajeelfamoota labsii yeroo muddamaa tatamsaa’a dhibee Koroonaa-vaayras ittiin to’achuuf baase jidduu, namni iddoo akka gabayaa fi bakka namoonni lakkoofsaan hedduu itti argamanitti, haguuggii afaanii fi funyaanii godhatuu dirqisiisa.

Itoophiyaatti hanga guyyaa harraatti lakkoofsi namoota dhibeen kun irratti argame 287 gahee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button