Maallaqa Seeraan alaa Doolaara miiliyoona 10 ta’uu fi meeshaalee waraanaa heddu qabuu Poolisiin Federaalaa beeksise

Muummichi ministeeraa torbee dabre namoonni maallaqa biyya alaa harkaa qaban hatattamaan Baankiitti yoo kan hin galchine ta’e mootummaan kan dhaalu tahuu akeekkachiisuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofuun guyyoota dabran keessa duula geggeeffameen Doolaarri miliyoona 10 ta’u qabamuu Poolisiin Federaalaa beeksise.
Hoogganaan Poolisii Federaal Komishinara Jeneraal Zeeynuu Jamaal FBCtti akka himetti, qorannoo irrratti hundaa’uun poolisiin federaalaa Oromiyaa fi Finfinnee keessatti duula geggeesseen maallaqani biyya alaa kun qabamuu hime.
Dabalataanis meeshaalen waraanaa Shugguxii, Kilaashinkoovii fi Matarayyasii dabalatee, kanneen baay’inni kuma tokkoo ol tahu rasaasa kuma 80 waliin duula kanaan qabameera. Meeshaaleen waraanaa kunniin seeraan ala Suudaan fi Jibuutin kan seenan akka tahee fi biyyi itti hojjetamanis Tuurkiyaa ta’uu komishinarichi beeksise.
Namoonni maallaqaa fi meeshaalee waraanaa kana waliin qabaman too’annoo jala oolanii qoratamaa akka jiran ibsun, dabalataanis iddoowwan biroo qoratamanii hordoffii jala jiran irratti dhiheenyatti duulli kan jalqabamu tahuu Komishiinar Jeneraal Zeeyinuu Jamaal beeksise.