header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Breaking News: Sa’uudii fi Qaxar daangaa hunda walii banuuf walii galan

“‹
Ministeerri haajaa alaa Kuweeyt galgala kana akka beeksisetti, Sa’uudii fi Qaxar daangaa lafaa, galaanaa fi qilleensaa hunda halkan har’aa irraa eegalee walii banuuf walii galtee irra gahuu ibse. Tajaajilli odeeyfannoo Kuweeyt akka gabaasetti, biyyoonni Galoo Galaana Arabiyaa rakkoo isaan jidduu ture furuun diinagdee fi nageenya naannichaa irratti waliin hojjachuuf, dhiheenyatti walii galtee xumuraa kan mallatteessan tahuus ibsame.

“Qaxar shororkeessitoota deeggarti; akkasumas Iiraan waliin naannicha booressiti”sababa jedhuun, Sa’uudii, Emreets, Bahreeyn fi Masri June bara 2017 irraa eegalee qoqqobbii cimaa Qaxar irra kaayanii akka turan ni yaadatama.
Kuweeyt rakkoo biyyoota Arabaa jiddutti uumame furuuf carraaqqiin yeroo dheeraaf godhaa turte milkaahuun, lammiilee naannichaa haalaan kan gammachiise tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Odeeyfannoo walqabateen Malik Salmaan walgahii biyyoota Galoo Galaana Arabiyaa January 05, 2021 Sa’uudii keessatti geggeeffamu irratti akka argamuuf, Amiira Qaxar Sheikh Tamiim Bin Hamad Al-Saanii kallattiin kan affeere tahuun beekamee jira.

3 Comments

  1. Assalamu Aleykum warahmatullahi wabarakatuhu kabajamtotafi jaalatamtota obboleyyan Keenya hojjattonni nuuralhudaa hundi kessanu galatoma nuf jiradha hayyotan Keenya Akkisum gaazexessiitonnis nuf jiradha sinin jedha rabbif jechan isin jaaladha hunda kessanu

    yaadi kiyya Akka Arman gadiiti

    yero Audio soora qalbii tiifii Audio gachanaa islama nuf gadhistan jalqabaatti odeeffanno nuf dubbistan turtaan zabana As Aanu kana odeeffannon sagalen Dhufuu dhiise jira silaa sagantan Akkum duraa sanitti deeme jechu fedheti

    yonin dogongore dhifama galatoma

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button