OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Balaa Konkolaataa magaalaa Saqqaa keessatti muudateen lubbuun nama 5 darbe
Ganama hardhaa Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa magaalaa Saqqaatti, Konkolaataan lama walitti bu’uun lubbuun namoota 5 battalumatti kan darbe yoo tahu, namoota 9 miidhaa cimaa fi namoota 13 immoo midhaan salphaan kan irra gahe tahuu gabaasni waajjira Dhimmoota Komunikeeshiinii mootummaa aanichaa irraa argame ni mul’isa.
Miidhamtoonni yeroo ammaa kana Hospitala Saqqaa Coqorsaatti wal’anamaa kan jiran tahuunis beekameera.