header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majlisni Godina Wolloo Hoggantoonni Majlisa Federaalaa aangoo akka lakkisan gaafate

Majlisni Wolloo, Hoggantoonni mana marii dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa ji’oota 6f aangoon amaanaan itti kenname, hojiiwwan ji’oota kan keessaatti hojjatuu qaban osoo hin hojjatin yeroon kennameef dhumuun waggaa tokko gahuu kaase.

Manni marichaa xalayaa fuula lama qabu kan guyyaa har’aa, hoggantoota majlisa Federaalaa aangoo irratti argamaniif barreese irratti, hoggantoonni ammatti aangoo harkaa qaban kunniin, kan bakka bu’oota majlisa godinaalee biyyattii gara garaa irraa yeeroof bakka buufaman malee, kan ummanni bakka hin buusiin tahuu fi aangoo itti kenname kanaan immoo tokkummaa ummata Muslimaaf hojjatuu caalaa, Muslima gareen qoqqoodaa jiraatuu ibse.

Haaluma kanaan qaamooleen kun amaanaa itti keenname kana ofirraa buusuun, hanga waxabajjii 30,2012 tti aangoo ummataaf dabarsanii akka keennan gaafate.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button