header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Abdulbaasix Sheik Idiriisiin hoogganamu Ustaaz Abdurrahmaan Huseeniif badhaasa kenne

Jilli Abdulbaasix Sheik Idiriisiin hoogganamu guyyaa kaleessaa magaalaa Roobee Baalee irraa badhaasa Arabiyaan-Majlisii fi saa’atii maqaa hoogganaa garee Sumayyootaa fi Bilaalotaa tiin hojjatamte qabatee gara Shaashamannee imaluun, Amiiraa fi Hogganaa midiyaa Nuur Al Hudaa kan ta’an Ustaaz Abdurrahmaan Huseen ziyaare.
Jilli kun Ustaazota akka Munashid Ustaaz Kamaal Heebboo, Ustaaz Ibsaa Hasan fi Ustaaz Xalhaa Kamaal kan hammate tahuun beekameera. Jilli kun yeroo badhaasa kana kennu, akka namoota birootiif kaka’umsaa fi fakkeenya ta’uuf malee, badhaasni kun hojii fi aarsaa isaan kaffalaniin kan walitti hin madaalamne tahuu dubbatan.

Miseensonni jila kanaa sirna kana irratti dhaamsa dabarfataniin “uummatni tokko Hayyuu fi wayyuu ofii yoo kan hin jabeeffanne tahe, tabba qaroominaatti bahuu hin danda’u”jedhan. Dabalataanis hawaasni muslimaa Ustaaz Abdurrahmaan Huseen gama hundaan akka bira dhaabbatu dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button