header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Markazni Al Rayyaan kan magaalaa Shashamannee guyyaa boruu Eebbifama

Markazni Al Rayyaan kan mooraa masjida Hamzaa keessatti ijaarame, Ijaarsi xumurame guyyaa boruu october 13,2019 iddoo Ulamaa’onni gurguddoon biyya keenyaa argamaniitti ni eebbifama jedhamee eeggama.

Markazni kun jalqabiin isaa wiirtuu hifzii Qur’aanaa yoo tahu, yeroo ammaa tajaajila dabalata hedduu hawaasa magaalattii fi naannawa saaniif keennuuf kan karoorfate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Tajajila Markazni Al Rayyaan keennuuf karoorfate jidduu
1. Kalwaa Hifzii Qur’aanaa
2. Barnoota Akkaadaamii 1-8
3. Barnoota amantaa 1-9
4. Iddoo jireenya ijoollee Aytaamaa fi iddoo nyaataa (kaafteeriyaa)
5. Kilinika jalqabaa aytaamotni itti yaalaman
5. Laabratorii Komputaraa fi yaalii saayinsii
6. Dirree taphaa fi Ispoortii
7. Oolmaa Daa’immanii (daa’imman barumsa amantaa fi saayinsiin qaru) of keessatti kan hammatu tahuu gabaafame.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button