Odeeyfannoo

Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii Israa’el boba’aa gara Gaazaa akka seensiftu gaafate.

Mootummaan Israa’el boba’aan gara Gaazaa akka hin galle eega dhoorkee bubbuleera. Ummanni Falasxiin kan Gaazaa jiraatu, kan Miiliyana 2 ta’us sababuma hir’ina boba’aa kanaaf rakkatee akka jiru ni beekkama. Kanuma hordofuun dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa dachii Falasxiin Jeemii Makgooldriik, Israa’el daangaa isii boba’aaf akka bantu gaafateera. Makgooldriik boba’aan ammaaf barbaachisu bitamuu isaa kan ibse yoo ta’u, Israa’el daangaa isii yoo bante boba’aa gara dachii Gaazaa saffisaan geessuuf qophii ta’uu beeksiseera.
“Boba’aan gara Gaazaa akka hin seenne dhoorkuun, mirga namummaa Falasxiinootaa dhiibuu isaatiin cinatti, balaa guddaas dhaqqabsiisuu danda’a. Lubbuun namoota miiliyoona 2 ta’u kan hedduun isaanii ijoollee xixiqqashoodhaa, rakkoo guddaa keessa seenee jira. Ummatni Falasxiin kan Gaazaa keessatti argamu irra deddeebiidhaan daangaan itti cufamaa gargaarsa kana argachuu dhabuun isaa waan fudhatama hin qabne”jechuun Makgooldriik gaazexeessitootaaf ibse.

https://youtu.be/gy592brEC9g

Israa’el mormii dhiheenya kana Gaazaa keessatti mudate hordofuun daangaa Gaazaa kan cufte yoo tahu, soorataa fi dawaa yoo taate malee wantoonni biroo gara Gaazaa akka hin seenne dhoorkitee jirti. Hospitaalonni, dhaabbileen balfa qulqulleessanii fi dhaabbileen bishaan qulqulluu dhiheessan, tajaajila kennuudhaaf bobo’aa barbaadu. Yoo boba’aan hin jirre tajaajila kennuudhaaf rakkatu. Boba’aan dhaabbileen kunniin ammaaf of harkaa qaban guyyaa lama caala isaan tursiisuu hin danda’u. kanaafuu guyyaa lama booda rakkoon namummaa guddaan mudachuu akka danda’u dhaabbanni mootummoota gamtoomanii beeksiseera.

Akka dhaabbanni mootummoota gamioomanii ibsetti, “ammaaf Israa’el yoo daangaa isii nuuf bante boba’aa litira kuma 60 ta’u dhaabbilee haalaan ijoo ta’an kan tajaajila hawaasummaa kennan kanneen akka Hospitaalaa, 46f dhiheessuudhaaf qophii irratti argamna. Haa ta’u malee kunis guyyaa muraasa qofaaf kan fayyadu waan ta’eef, haga furmaanni waaraan argamutti, dhaabbileen gargaarsaa dhimma kanarratti akka hirmaataniif waamicha dhiheesseera.

Hanqinni boba’aa dhaabbileen ijoo ta’an kunniin akka tajaajila hin kennine kan dhoorku yoo ta’u, sababa tajaajila kanaatiinis dhibeewwan garagaraa ka’uu akka danda’u dhaabbanni mootummoota gamtoomanii beeksiseera.

Comment

Related Articles

Back to top button