header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ajajaan waraanaa Israa’el loltoota heddu wajji ajjeefame

Olmaya Falasxiin December 13, 2023

Lola lafoodhaan Israa’elii fi Hamaas jiddutti godhamaa jiruun, Israa’el loltoota jajjaboo dhabuurratti argamti. Gazzaa naannawa Shijaa’iyaatti loltoonni Hamaas riphanii tarkaanfii fudhataniin ajajaa waraanaa birgeedii tokko loltoota 9 wajjiin ajjeesaniiru. Akka gabaasni mootummaa Israa’el ibsetti, Namni Ishaaq Ben Baasaat jedhamuu fi Birgeedii Goolaanii jedhamu kan hoogganaa ture, haleellaa hamaas irraa itti aggaamameen ajjeefameera jira. Erga waraanni lafoo Israa’el jalqabee asis namoota aangoo guddaa qaban kan Gazzaa keessatti ajjeefaman keessaa tokko ta’uu beekkameera. Lola guyyaa kiibxataa godhame Kanaan isa dabalatee koloneela tokkoo fi Komaandoowwan hedduun ajjeefamaniiru.

Hoogganaan Kaabinee waraanaa Israa’el Beenii Gantz du’a loltoota ciccimoo hordofee dhaadateera. Barreeffama guyyaa harraa X gubbatti barreesseenis, “Israa’el bilisummaa isii lammaffaa yeroo argachuuf qabsaa’aa jirtutti lubbuu qaqqaalii kaffalaa jirti. Warri kufaa jiru hundi Israa’el irratti godaannisa cimaa dhiisanii darbaa jiran. Godaannisni kun ammoo loltoota keenya yeroo hunda kan yaadachiisu ta’a. aarsaa barbaachisu hundas kaffaluun dirqama keenya” jedhe.

Guyyaa kaleessaa marii dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessatti taasifameen miseensonni mana marichaa hedduun waraanni hatattamaan akka dhaabbatu sagalee kennanii, wixinee dhihaatee tures raggaasiisaniiru. Haa ta’u malee ammas Israa’el haleellaa Gazzaa irratti raawwattu hammeessiteerti. Halkan kibxataa fi ganama arbi’aa haleellaa magaalaa Khaan Yuunis irratti taasifameenis lammiileen Falasxiin hedduun ajjeefamaniiru. Akka Al Arabiyaa TV gabaasetti haleellaa harra ganaamaatiin lammiileen Falasxiin 19 ajjeefamaniiran.

Gama Kaaniin West Baankittis weerarri mootummaa Israa’eliin godhamu akkuma jabaatee itti fufetti jira. Weeraraa fi duula magaalaa Janiin irratti saa’aa 30f taasifameen Falasxiinonni 100 ol ta’an hidhamaniiru. Kanniin keessaa 40 gad lakkifamuu waldaan hidhamtoota Falasxiin ibseera. Magaalaa guddittii West Bank kan taate Raamallaah keessatti duulaa fi weerarri bakkoota sadihitti godhameera. Magaalaa Betelheemitti duula geggeeffameenis Falasxiinonni 3 kaampii Al Azzaa keessaa hidhamaniiru. Magaalaa Khaliin (Hebroon) keessaallee falasiinonni 5 hidhamanii jiru. Nablusitti dhukaasni guddaan erga dhagahamee booda namni tokko hidhameera jedha gabaasni Al Jazeera.

Daangaa Israa’el fi Lubnaan irrattis waraanni godhamu cimee itti fufeera. Mootummaan Israa’el jiraattonni magaala Shloomii keessa jiraatan kanneen 65,000 ta’an magaalattii gad lakkisanii akka bahan ajajeera. Magaalaan tun magaalaa Israa’el yoo taatu, ammatti magaala keessatti nama arguun ulfaataa ta’eera. Waraana Mootummaa Israa’el fi Hizbullaah jiddutti waraanni godhamus hammaateera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button