header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Kormaa hanqaaquu hammatee ilmoolee guddisu

Tafakkur: Rhea

Allaattiin kun Rhea (Riyaah) jedhama. Riyaan sanyiiwwan allaattii Ameerikaa kibbaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Uumamni kun naannawa margaan uwwifame jireenya isaatiif filata. hedduminaanis naannawa bosona Arjantiinaa, Yuraaguay, Boliiviyaa, Paaraguwaay, Chiilii, Peeru fi Braazil keessa jiraata. Riyaan foon, hanqaaquu fi gogaa isaatiif jecha namootaan kunuunfamaa horsiifamaa jira. Lakkoofsi isaa kan bosona keessaa, sababa manca’iinsa bosonaa fi adamoo seeraan alaatiin hir’achutti jira. Haa ta’u malee kanneen Paarkii fi eddoowwan kunuunsaa garagaraa keessa jiran lakkoofsi isaanii heddummaachutti waan jiruuf, uumama sadarkaa gaarii irra jiru keessatti ramadama.

Riyaan sanyiiwwan garagaraa lama qaba. Ameerikaan Riyaa fi Daarwin Riyaa jedhamuun beekkamu. Guddinni qaama isaanii garaagara yoo ta’u, naannoon isaan jiraatanis akkasuma garaagarummaa qaba. Inni Ameerikaan Riyaah jedhamu guddaa yoo ta’u, haga meetira 1.5 dheerachuu danda’a. ulfaatinni isaatis haga kilograama 25 ta’a. Inni Daarwiin Riyaa jedhamu garuu isa Ameerikaan Riyaa jedhamurra xiqqaadha. Dheerinni isaa Meetira tokko hin caalu. Ulfaatinni isaatis kilograamaa kudhanii gad ta’a. Baalliin Riyaa bifa daalacha kan qabu yoo ta’u, morma jalaa ammoo baallii gurraacha qaba. Garaa fi kottee isaarraa ammoo baallii bifa adii qaba. Kotteen isaa haalaan jabaa fi dheeraa yoo ta’u, quba sadih qofa ofirraa qaba.

 

Riyaan koola guddaa qaba. Haa ta’u malee barrisuu hin danda’u. Sanyiiwwan allaattii hedduun waan guddinni qaama isaanii koola isaanii waliin wal simuu dhabeef barrisuu dadhaban. Riyaan garuu rakkoo kana hin qabu. Rakkoon isaa lafee qomaa qabaachuu dhabuu isaati. Sanyiin allaattii kan barrisuu danda’an hundi lafee qomaa ni qabu. Lafeen qomaa, koola lamaan irree qaamaa waliin wal qabsiisuudhaan akka barrisan isaan dandeessisa. Haa ta’u malee Allaattiin kun lafee kana waan hin qabneef, barrisuun itti ulfaate. Sababa kanaaf osoo koola dheeraa qabu, barrisuu dadhabee dachiirra fiigutti jira. Riyaan barrisuu dadhabus fiigicharratti cimaadha. Saa’aa tokko keessatti kilomeetira 64 fiiguu danda’a. kooluun isaa barrisuu hin dandeenye, fiigacharratti ammoo madaala isaa akka eeguuf gargaarsa guddaa isaaf godha.

 

Riyaan uumama soorata gosa lachuu sooratuudha. Firiiwwan, kuduraalee fi muduraalee, biqiltoota, lootuuwwan, Ilbiisota, Reeptaayilootaa fi sanyiiwwan hantuutaatis soorataa jiraata. Riyaan ooyruu namaa keessa seenuudhaanis midhaan namni facaafate ni soorata. Sababa kanaaf qonnaan bultoonni Ameerikaa kibbaa keessa jiraatan, uumama kana akka diinaatti waan laakkawaniif ni ajjeesu.

 

Riyaan sanyiiwwan allaattii keessaa allaattii cimii jaalatu.  Allaattiiwwan hedduun isaanii sagalee garagaraa baasuudhaan beekkamu. Riyaan garuu cal’isuu guddata. Yeroon sagalee Riyaa dhagahamu, yeroo wal qunnamtii wal hormaataati. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa raawwachuu fedhanitti, akka hoosiftoota tokko tokko baroodaa wal waamu. Riyaan yeroo qabbanti hammaatu garee guddaa uumuun waliin jiraata. Yeroo kanatti miseensi qubsuma tokko keessaa haga 50 ta’uu danda’a. Dabalataan Riyaan yeroo kanatti bineensota akka bosonuu fi Guwaanaakoo waliinis walitti makamuudhaan nagayaan jiraatuu danda’a.

 

Riyaan wayta yeroon wal qunnamtiin wal hormaataa gahu heddummaatanii bakka tokkotti walitti qabamu. Korman tokko dhaltuu haga 12 waliin wal qunnamtii raawwatuu danda’a. kana booda bakka hanqaaquun itti buufamu qopheessuun dalagaa isaati. Dhaltuuwwan inni walqunnamtii waliin raawwate hundi bakka inni qopheessetti hanqaaquu buusan. Kana booda hammatuu fi kunuunsee ilmoolee keessaa yaasuun dirqama isaati. Haawwotiin hanqaaquu buusanii gara haajaa isaanii biraa deemu. Kormaan dirqama irra kaayame bahachuuf, yeroo tokkoon hanqaaquu haga shantamaa hammatuu danda’a. Torbaan jahaaf eega hammateen booda cabsee ilmoolee keessaa yaasa. Kana booda kormaan kun ilmoolee san dhaltuuwwan Riyaa fi diina biraa irraallee eegaa kunuunsee guddisa.

 

Dhaltuun takka eega hanqaaquu buustee booda deebitee itti hin dhihaattu. Yoo ilmooleen hanqaaquu keessaa yaa’anis bira gahuun isiif hin hayyamamu. Kormaan ilmoolee kunuunsu dhaltuu naannawa ilmooleetti dhihaattu hunda fattalleessee ari’a. Walumaa galatti hanqaaquu buusuu qofa yoo taate malee dalagaan hafe hundi kan kormaati. Duuba haala Kanaan haatii ilmoolee kormaadha moo dhaltuudha jenna ree? Ilmooleenis gaafa hanqaaquu keessaa yaa’anirraa jalqabee isuma jala fiigaa guddatu. Dhaltuun takkallee gara ilmoolee dhihaachuu hin dandeessu.

 

Ilmooleen Riyaa saffisaan guddatu. Ji’a jaha keessatti guddatanii warra gurguddaan wal qixa ta’uu danda’u. Haa ta’u malee wal qunnamtii wal hormaataa raawwachuudhaaf yoo xiqqaate waggaa lama guutuu qabu. Riyaan tokko fedha Rabbiitiin haga waggaa kudha shanii jiraatuu danda’a.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button